Jirattoonni Magaala Amboo fi Walisoo hidhamtoonni Siyaasa akka gadidhiifaman gaafachuun mormii laguu hojii jalqabaniiru.

Jirattoonni magaala Amboo fi Walisoo Dr Maraaraa Guddinaa fi hidhamtoonni siyaasa biroo akka gadi dhiifaman gaafachuun hojii lagataniiru.
jirattoota magaaloota Amboo, Walisoo, Giincii fi Gudaar Dr Maraaraa Guddinaa fi Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoonni siyaasa hundi halduree tokko malee akka gadi dhiifaman mormii laguu hojiin gaafataniiru

Jirattoonni tilmaamni gibira galii guyyaa humna ol daldaltoota irratti fe’ames akka morman himameera
Mormii laguu hojii jirattoota magaalaa Amboo wajjiin walqabatee Manneen daldalaa kana cufaman yoo ta’u, tajaajil geejjibaa gutumaan gutuutti akka addaan cite dhaga’ameera.
Konkolattoon Mootummaa magaalaa keessa deemuu soodachun dallaa wajjiiralee mootummaa keessa dhaabbatanii akka jiran gabaafameera.
Konkolattoonni Finfinnee gara Wallaaggaa akkasumas Wallaaggaa gara Finfinnee imalan magaala Amboo fi Giincii qaxmuruu soodatanii tajaajila akka dhaaban himameera.
Mormii laguu hojii jirattoota magaala Amboo kana Baankoonni fi Hoteeli Itoophiyaaa deeggaruu diduun tajaajila baratame kennaa waan jiraniif qeerroon magaala Amboo of-eeggannoo cimaa laataniif jiru.
Dhaabbileen Daladalaa kunniin gaaffii fi fedhii jirattoota magaalaatti kan hin deeggare yoo ta’e, tarkaniiffii cimaan akka irratti fudhatamu akkeekachisaniiru.
Jirattoonni magaala Walisoos hidhaa fi haala qabiinsa Dr Maraaraa Guddinaa mormuun laguu hojii kan jalqaban yoo ta’u, hidhamtoonni Siyaasa biroo halduree tokko malee akka gadi dhiifaman gaafataniiru
Dr Maraaraa Guddinaa dabalatee hidhamtoonni Siyaasa hundi hanga gadi dhiifamaniitti jirattoonni naannoo Oromiyaa hundi bifa adda addaan akka mormaan jirrattoonni magaaloota kaniin waamicha dhiyeessaniiru
Mormii hojii lagachuu jirattoota erga dhaga’amee booda loltoonni mootummaa akka saree maraatee magaala keessa fiigaa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru.