Jirattoonni magaala Adaamaa Obbo Baqqalaa Garbaaf Simaannaa Gootaa Taasisaniif jiru

Qeerroo fi uummanni magaalaa Adaamaat kuma heddu Itti -aanaa dura taa’aa kongirsii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa simannaa gootaa taasisaniif jiru
Qeerroon fi jirattoonni magaalaatti kaallattii arfanuu sirbaa fi Shubbisaan akkasumas dhadannoo adda addaa qabachuun gootasaanii obbo Baqqalaa Garbaa Istadiyeemii magaalaa Adaamaatti simataniiru
Jiraattoonni magaala Adaamaa obbo Baqqalaan mana hidhaatti yeroo gadhiifamanii jalqabee hanga mana isaanii deemuun gammachuu itti dhaga’ame ibsachaa jiru
Obbo Baqqalaan ummata magaala Adaamaa isaan simateef erga dabarsaniin Ummanni Oromoo jaalala sabaa fi sablammoota biroo wajjiin qabu cimsuu akka qabu dhamaniiru
Sabaa fi Sablamoonni biroo naannoo Oromiyaa keessa jiraatan akka Oromootti ilaalun fi fayeeda ummanni Oromoo argatu hunda argachu akka qaban obbo Baqqalaan dubbataniiru
Namni Oromoo jaalatu, Misooma Oromiyaa jaalatu , Oromoon akka bilisoomtu barbaadu qabsoo Oromoorratti diina hin bitu jedhan
Kanaafuu, sabaa fi sablammoota hunda wajjiin firoomuun fira baay’iffachuu qaba jedhan
Akkasumas lubbuu namaa osoo hin dabaree, qabeenyi mootummaa, ummataa fi dhuunfaa tokkolee osoo hin barbadoofne qabsoo nagaa jalqabee bifa ammayyaan akka itti fufu obbo Baqqalaan hubachisaniiru
Ummanni Oromoo siyaasan, Amantii fi lagaan osoo wal hin qoodne tokkummaan walitti dhufeenya sabaa fi sablamoota biroo wajjiin qabu cimsuun diina ofii xiqqeessuu qaba jedhaniiru.
Kantibaan magaala Adaamaa Aaddee Adaanaach Habeebee sagantaan simannaa goota oromoo obbo Baqqalaa Garbaa Istadiyeemii magaala Adaamaatti akka qophaa’u gochuu fi sagantichaarratti argamun dinqisifatamaniiru.
Aaddee Adaanaach obbo Baqqalaan bagaa nagaan maatii keessaniitti makamtan bagaa nagaa gara mana keessanii dhuftan jedhan
Garagarummaan ilaalacha jiruu walii kabajuun tokkommaa ummataa Oromoo irratti xiyyeeffachuun qabsoo jalqabame fixaan baasuun murteessaa akka ta’e Aaddee Adaanaach himan
Qeerroon, deeggartoonni fi jaalattoonni isaanii godinaalee Oromiyaa hundi mana jireenyaa isaanii magaalaa Adaamaatti dhaquun gammachuu isaanii ibsachaa jiru
Dr Maraaraa Guddinaa gara magaala Adaamaa imalun obbo Baqqalaa Garbaan baga nagaan mana hidhaatti gadhiifamte jedhaniiru
Qeerroon Oromiyaa hidhamtoota siyaasa Oromoo mana hidhaa waayyaanneetti gadhiifaman gootummaan simachuu itti fufaniiru