Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa weraara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee obboleewwaan isaanii daangaarra jiran wajjiin ofirra ittisuuf qophii akka ta’an beeksisaa jiru

Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin waqabatee mootummaan waayyaannee liyyuu pooliisii Sumaalee deeggaruun ummata oromoo irratti lola labseera.
Haalauma kanan Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee gandoota daangaa Godinaalee Oromiyaa Harargee Lixaa fi Bahaa , Baalee, Boraanaa fi Gujii weraarun lubbuu namoota heddu galafataniiru.
Qabeenya jirattoota Gandooota daangaa irra jiraatanii saamuu, gubuu fi namoota ukkamsanii fudhachun daangaa Oromiyaa keessa Alabaa naannoo Sumaalee dhaabaa akka turan gabaasuun keenya ni yaadatama.
Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee ifaatti weraara labsuun balaa kana hunda wayita qaqqabsiisan Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Pooliisiin Federaalaa callisee ilaalaun jirattoonni ofiirra ittisuuf tarkaniiffii wayita fudhatan immoo isaan dararaa akka jiru himameera.
Mootummaan Oromiyaa weraara liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee ittisuuf tarkaniiffii fudhate waan hin jiref akkasumas mootummaan Federaalaa immoo Liyyuu Pooliisii waan deeggaruuf jirattoonni gurma’uun tokkummaan daangaa isaanii kabachiisa jiru.
Liyyuu pooliisiin Sumaalee Mootummaa Federaalaan gargaaraman tibbaana magaala Mi’eessoo fi gandoota naannoo magaalaatti to’aachuuf weraaraa jalqabe horsiisee bultoonni aanaatti haala nama boonsuun ofirra ittisuun daangaa isaanii kabachiisaniiru.
Weraara kanan Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee baay’ee kan ajjeeffaman yoo ta’u, gama horsiisee bultoota Oromoo Mi’eessooniis namoonni du’aaniiru.
Weraarri Liyyuu Pooliisiin Jarattoota gandoota oromiyaa daangaarra jiraatan irratti raawwatu yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa biroo obboleewwaan isaaniif birmachuuf qophii ta’uu himaniiru
Jirattoonni Godina Gujii Mootummaa naannoo Oromiyaa yoo isaaniif eyyame obboleewwaan isaanii godina Harargee lamanii weraara Liyyuu Pooliisii Sumaalee irra ittisuuf akka duulaan himaniiru.
Jirattoonni Godinichaa Obboleewwaan isaanii Godina Harargee weraara liyyuu Pooliisii Sumaalee irra ittisuuf loltoota 200 akka qopheessan beeksisaniiru
Ibdi Mootummaa Federaalaa Liyyuu Pooliisii Sumaaleetti fayyadamuun jirattoota Gandoota Daangaa Oromiyaa irratti qabsisee hatattamaan kan hin dhaamne yoo ta’e, jirattoonni naannoo Oromiyaa tarkaniiffii cimaa akka fudhatan Oromoonni Gujii beeksisaniiru
Oromoonni Gujii daangaa isaanii Liyyuu Pooliisii irra akkuma eeggan hunda loltoota gara Harargeetti erguun daangaa Oromiyaa kabachiisuuf eyyama mootummaa naanniicha qofa akka eegaan himaniiru.
Oduun Hagayya 24/2009 Aanaa Mi’eessoo Araddaa Daalachaa Iddoo bareedaa jedhamutti keessaa bahe akka ibsuti, Hidhattonni naannoo Somalee Hawaasa Horsiisee Bulaa irratti yemmuu dhukaasa banan Oromoota 6 ajjeesanii 4 madeesaniru.
Ummanii naannoo Mi’eessoo tarkaanfii deebisee fudhateen loltootaa naannoo Somaalee 19 ajjeesee 5 yemmuu madeessu waraanni waraanii mootummaa federala jidduu seenuun walitti bu’iinsi yeroof akka dhaabatu taasifamuunsa gabasameera.