Jiraattoonni Amboo Gootota isaanii Dr. Mararaa Guddinaatii fi kan biroo manneen hidhaa waayyaannee keessa gadhiifaman haala nama gammachiisun simatan

Jirattoonni Godina Shawaa Lixaa gootota isaanii Dura taa’aa Kongirasi federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa fi kan biroo manneen hidhaa waayyaannee keessa gadhiifaman sambaata darbe haala nama boonsun simataniiru.
Simannaan gootota kanniin magaala Giincii jalqabee hanga bakka dhaloota Dr Maraaraa Guddinaa Aanaa Tokke- Kuttayyeetti akka itti fufe himameera.
Jirattoonni magaala Amboo fi naannoowashee Umirii fi saalaan osoo adda hin baane fardaa fi konkolattoota hedduun bahuun gootata kanniinif Istadiyeemii Ambootti simaannaa nama boonsu taasisaniifiru
Sagantaa Simaannaa kanarratti barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo , manneen barnootaa magaala Amboo keessa jiran akkasumas Qeerroon miira tokko bahuun sirbaa fi alaabaa Paartiichaa qabachun sagantichaa miidhagsaniiru
Sagantaa Simaannaa hidhamtoota siyaasa Oromoo manneen hidhaatti gadhiifamaniif Isteediyeemii Ambootti taasifame kanarratti namoonni kuma dhibbaan lakka’waman argamaniiru
Gootoonni simaannaan taasifameef dura taa’aa kongirasii federaliistii Oromoo Doktar Mararaa Guddinaa fi namoota biroo 39 manneen hidhaa waayyaannee keessa gadhiifaman akka ta’e BBC afaan Oromoo Gabaaseera
Dr Maraaraa Guddinaa qindomiina jirattoota magaala Amboo fi naannooshe kuma dhibbaan lakkawaman isaan simachuuf bahan diinqisifataniiru
Qabsoon Ummataa Oromoos sadarkaa olaannaarra gahuu kan dubbatan Dr Maraaraan qabsoo ummataa kun garamitti deemuu qaba kan jedhuu fi maal hojjatamuu akka qabu beekun barbaachiisadha jedhan
Sagantaan Simaannaa gootota manneen hidhaa waayyaannee keessa gadhiifamaniif sadarkaa godina Shawaa Lixaatti taasifame kun qindomiina Pooliisii Oromiyaa fi qeerrootiin nagaan xummurameera.
Miseensoonni Pooliisii Oromiyaa sagantichi nagaan akka xumuramuuf aantummaa fi gahee gudddaa waan gumaachaniif diinqisifamaniiru
Dr Maraaraan sirna mootii Haayilasillasees fi Mootummaa Dargii mormuun Paartii Waarraqsa Soochaliistii Guutuu Itoophiyaa keessatti hirmaachuun haqaa ,dimokirasiin fi mirga walqixxummaaf qabsa’aaniiru
Bara sirna Bulchiinsa mootummaa Dargii ilaalacha siyaasa qabaniif qofa waggoota torbaaf hidhamuun isaanii kan yaadatamudha
Dr Maraaraa Guddinaa waggoota hedduuf siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaachuun mirgaa fi faayeda ummata isaaniif karaa nagaan qabsa’aa turaniiru
Akka lakkofsa Itoophiyaa bara 1988 jalqabee paartii Kongirasii Biyyaaleessa Oromoo hundeessuun waggoota 22 darban biyyaatti keessatti dimokirasii, haqaa fi mirgi walqixxummaa lammiilee akka kabajamuuf adda durumaan qabsa’aa jiru