Ji’oota 6 darban Turistoota Itoophiyaa daawwatan irraa sharafni biyyattiin argachuuf karoorfatte birrii biiliyoona 100 fi miliyoona 45’niin yookan immoo Dolaarii miliyoona 3’n akka hir’ate Ministeerri Aadaa fi Turizimii Biyyattii beeksiseet jira.

Mormii Ummata Oromoo waggaa tokkoo oliif ture waliin walqabatee galiin biyyattiin damee Turizimii irraa argattu akka hir’atuuf gumaacheet jira.

Mormii Ummataa kana humnaan to’achuuf jecha labsii yeroo hatattamaa mootummaan ji’a Onkololeessatii jalaqabee labseen, dameen turizimii akka laafuuf sababa guddaa ta’ee jiras jedhamee jira.

Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee booda mootummaan Ameerikaa, Biriiteeni, fi kan biyyoota Awurooppaa lammiilen isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalleef waan akeekkachiisaniif galii Itoophiyaan damee Turizimii irraa argachuuf karoorfatte akka gadi bu’u taasiseeti jira.

Ministeerri Aadaa fi Turizimii raawwii karoora ji’oota jahaa ilaalchisuun gabaasa dhiyeessen ji’oota jahan darbaniin turistoota naannoo kuma 400 fi kuma 39 biyyatti daawwatan irraa galiin dolaarii biliyoona tokkoo ol argamuu akka danda’e beeksiseeti jira .

Galiin ji’oota jahan darban argamee kun isa bara darbee yeroo wal-fakkaataa waliin yeroo wal-biratti madaalamu birrii biliyoona 100 fi miliyoona 45 yookan immoo dolaarii miliyoona sadiin akka hir’ate ministeerichi beeksiseeti jira.

Ji’oota jahan darban kana lakkofsi turistootaa immoo kuma 40’n akka hir’ate himameeti jira.

Ministeerri Aadaa fi Turizimii bara baajetaa kana turistoonni miliyoona tokkoo ol Itoophiyaa ni daawwatu jechuun karoorfateeti jira.

Garuu labsiin yeroo hatattamaa ji’oota jahaaf labsame kun karoora ministeerichaa irratti dhiibbaa akka dhaqqabsiise qaamoleen adda addaa dubbataniiti jiru.