Itti aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa waldhaansa gahaa argachu waan hin dandeenyeef sadarkaa qaroo ijaa isaanii dhabuurra gahaa akka jiran himame

Mana hidhaa waayyyaannee keessatti dararamaa kan jiran itti-aanaa dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa waldhaansa gahaa waan hin arganneef qaroo ija isaanii bitaa sadarkaa dhabuurra gahaa akka jiran intalli isaanii dubree Boontuu Baqqalaa dubbate
Obbo Baqqalaan dhukkuba dhiibbaa dhiigaa (hypertension) jedhamu wajjiin walqabatee ijji isaanii bitaa waan miidhameef waldhaansa hatattamaa akka barbaadan dubree Boontuun miidiyaalee adda addaatti himte jirti
Obbo Baqqalaan hatattamaan waldhaansa gaha kan hin argannee yoo ta’ee, gutumaatti qaroo ija isaanii bitaa dhabuu akka danda’aan dubree Boontuun beeksisfte
Bulchiinsi mana hidhaa Qilinxoo obbo Baqqalaan waldhaansa gahaa akka argataniif gara Hospitaalaa ergu osoo qabu kilinikii mana hidhichaatti akka yaalamaniif dirqamsiisa turuun rakko kan fideera
Ajaja mana mana murtiin obbo Baqqalaa Garbaa akka waldhaanamaniif gara hospitaalaa Minilikitti ergamanii ture
Garuu sadarkaan qaroo ija isaanii bitaa irra jiru humna isaanii ol waan ta’eef mana yaalaa dhuunfaatti waldhaanamuu akka qaban ogeessoonni Hospitalichaa itti himaniiru
Ogeessoonni Hospitaala Minilik obbo Baqqalaa hatattamaan mana yaalaa dhuunfaa Biruhu Viizhiin(Biruh Vision) jedhamu dhaqanii doktoroota ogummaa gahaa yookan ‘Speshalistotaan’ akka waldhanaman itti himaniiru
Bulchiinsi mana hidhichaa garuu obbo Baqqalaa Garbaa hospitaloota mootummaan alaa gara mana yaalaa dhuunfaa kamituu ergamanii akka waldhanamaniif kan hin eyyamne ta’u beeksisusaa dubree Boontuun himte.
Dhiibbaan dhiigaa isaanii dabalaa wayita deemuu qaroon ija isaanii bitaa sadarkaa dhabuurra gaha waan jiraniif maal gochu akka qabnu hin beeku jechun dubree Boontuun dubbatee jirti
Bulchiinsi mana hidhaa Qilinxoo gaaffii obbo Baqqalaan mana yaala deemanii waldhanamuuf dhiyeessan dida turun ajajaa mana murtiin kennamees lafarra harkisaa dhukkubni kun sadarkaa kanarra akka gahuuf gumaacheera
Itti aanaa dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa guyyoota muraasan dura harkii isaanii kateenaan walitti hidhame Hosptaalaa Minnilikii kutaa waldhaansa ija fuldura dhaabbatan dabaree wayita eegatan suuraan mul’isu feesbuukii irratti gadhiifameera