Itoophiyaatti Qaala’iinsi gatii Oomishaalee adda addaa harka lamaan akka dabale himameera.

Itoophiyaatti qaala’iinsi gatii oomishaalee adda addaa harka lamaan akka dabale Ejensiin Istaatiksii giddu galeessaa himeera.

Haaluma kanaan Qaala’iinsi gatii meeshaalee ji’a Hagayyaa dhibbentaa 10.4’n akka ol guddate Ejensichi Istaatiksii giddu galeessaa beeksise.

Akka Gabaasa Ejensichaatti, Qaala’iinsi gatii Oomishaalee adda addaa waggoota sadeen darbaniif harka tokkoon dabalaa tureera.

Qaala’insi gatii Oomishaalee ji’a Adoolessaa bara 2009 kan bara darbee yeroo wal fakkaataa wajjin yoo walbiratti ilaalamu gara dhibbentaa 9.4 akka ol guddate ni yaadatama.

Gatiin meeshaalee adda addaa harka lamaan dabaluun yeroo ammaa dhibbentaa 10.4 irra gahuun yaaddessaa akka ta’e himamaa jira .

Dabaluun gatii Oomishaalee nyaataa qaala’iinsa amma galmaa’eef gumaachuusaa gabaafameera .

Haaluma kanaan daballiin gatii Oomishaalee nyaataa ji’a hagayyaa dhibbeentaa 13.3 irra gahuusaa gabaafameera.

Dabaluun gatii oomishaalee Nyaataa kan ji’a Adoolessa darbee wajjin yoo walbiratti ilaalamu dhibbentaa 0.8tiin akka caalu ragaaleen mul’isaniiru.

Gatii Oomishaalee Nyaataa waggoota lamaan darbaniif dabalaa deemuun miidhaa balaan hongee biyyattii irraan gahaa jiru akka mul’isu himameera.

Qondaaltonni mootummaa fi deggertoonni garuu balaan hongee kun naannoo Oomisha midhaan nyaataa oomishuun beekaman waan hin miineef walitti dhufeenya hin qabu jechuun mormu.

Gama biraatiin, Oomishaalee nyaataan alaa irratti gatiin dabalame dhibbentaa 7.1 akka ta’e himameera.

Kan ji’a Adoleessaa dhibbentaa 5.9 yoo ta’u, kan ji’a hagayyaa wajjin garaagarummaa dhibbentaa 1.2 akka qabus gabaasa Ejensichaarraa hubatameera.

Dabaluun gatii oomishaalee adda addaa kun guddina diinagdee biyyattii irratti miidhaa guddaa akka qabu ogeessonni diinagdee himaniiru.

Keessattuu yeroo ammaa kana dabaluun gatii Oomishaalee galmaa’e kun guddina diinagdee Itoophiyaa kan yeroo kamuu caalaa ni gufachiisa jedhamee soodatameera.

Kana malees, galiin jiraattonni biyyattii argatanii fi gatiin Oomishaalee adda addaa kan wal hin simne waan ta’eef rakkoo hawaasummaa fi diinagdee guddaa qaqqabsiisuu akka danda’u himameera.

Tarkaanfii mootummaan hanqina baajetaa mudate guutuuf maallaqa liqiin baankii biyyaalessaa irraa fudhatuu fi rakkoo kana furuuf maallaqa maxxansiisuun dabaluu gatiif ka’umsa akka ta’e ogeessonni diinagdee beekisisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa hanqinni baajetaa sadarkaa qaala’iinsa gatiif ka’umsa ta’uurra hin geenye jedheera.

Akkaataa haala qabatamaa Addunyaatti hanqinni baajetaa guddina waliigalaa Oomisha biyya keessaa dhibbentaa sadiin caaluu akka hin qabne ni akeekkachiisa.