Itoophiyaatti lakkofsi lammiilee gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa barbaadan dabaluu akka danda’u gabaafameera.

Balaa hongee Itoophiyaa mudateen lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa barbachiisu dabalu akka danda’u gabaafameera.
Mootummaa Itoophiyaa lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa isaan barbachisu miiliyoona 7 fi kuma 700 akka ta’e dhiyeenya beeksiisuun ni yaadatama.
Balaa hongee kanan Beelladoonni mana baay’een kan du’aan yoo ta’u, roobni yeroo amma roobaa jirus amansiisaa miti jedhameera.
Gargaarsa midhaan nyaata yeroo ammaa dhiyaachaa jiru gahaa akka hin taane dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiiseera,
Itoophiyaatti ji’aa Bitooteessa hanga jalqaba ji’a Caamsaatti roobni roobuus gahaa akka hin taane gaabafameera.
Ji’oottan sadeen dhufan keessa horsiisee bultoonni kutaalee biyyaatti Kibbaa bahaa keessa jiraatan rakkoof kan saaxilaman yoo ta’u, rakkoon isaanii kun gara sadarkaa arfaffaatti akka ce’aan himameera.
Rakkoo isaanii sadarkaa shanaffaa irra kan gahu yoo ta’e hongeen gara sadarkaa beelaatti akka ce’uu gabaafameera
Itoophiyaatti lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa barbaadan yeroo gara yerootti dabala jira.
Lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilaman duraanii miiliyoona shanii fi kuma dhibba jaharra ture yeroo amma immoo miiliyoonaa 7 fi kuma dhibba 7 irra gaheera.