Itoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa Akeekkachiisa imalaa kennuun beekame.

Ministeerri muummee Ethiopia obbo Haayilamaariyaam Dassaaleny fedhiin aangoo gadhiisuuf xalayaa galfatanii wajjin walqabatee Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru akeekkachiisa imalaa kenneera.
Hojjettoonni Imbaasichaa sababa kamiinuu magaalaa finfinneen ala bahuu akka hin qabne imbaasichi akeekkachiiseera.
Lammiileen Ameerikaa odeeffannoo miidiyaaleen biyya keessaa kennan hordofuun of-eeggannoo gochuu akka qaban imbaasichi akeekkachiseera.
Itoophiyaa keessatti osoo hin yaadamin hiriirri mormii uummataa fi jeequmsi uumamu akka malu Imbaasiin Ameerikaa beeksiseera.
Ministeerri muummee Hayilamariyaam Dassaalany fedhiin aangoo gadhiisuuf gaaffii dhiyeessuu wajjin walqabatee dhabamuun tasgabbii babal’achuu akka malu imbaasichi akeekkachiiseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaas lammiilee biyyattiif akeekkachiisa walfakkaatu kenneera.
Bifuma walfakkaatuun, Itti-aanaan Ministeera muummee Obbo Dammaqaa Mokonnoon Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerika Maayikil Reeynarii wajjin haala siyaasa Itoophiyaa yeroo irratti akka mari’atan himameera.
Obbo Dammaqaan Ambaasaaddaricha waajjira isaaniitti kan mariissisan haalli siyaasa Itoophiyaa Amerikaa baay’ee waan yaaddesseef jedhameera.