Itoophiyaatti ijaarsa Daandiiwwan haaraa wajjiin walqabatee balfi summawaan gatamu du’a daa’immaaniif sababa akka ta’e qorannoo tokko mul’iseera

Itoophiyaa keessatti ijaarsa daandiiwwaan haaraa wajjiin walqabatee balfi summaawaan karaa seeraan alaatiin bakka adda addatti gatamu du’a daa’immaaniif sababa akka ta’e qorannoo tokko mul’iseera.
Qorannoo kana kan gaggeessan ogeeyyoota Yunivarsiitii Kiiwuun Meerii magaala Londooniitti argamu fi Koolleejjii Tiriniitii magaalaa Dabliiniitti argamu keessa walitti bahan.
Haadholeen daandii haaraa ijaaraman irra hanga kiiloomeetira shanii fagatanii jiraatan daa’immaan isaan dahan balfa summaawaa kana lubbuu akka dhaban himameera
Carraan lubbuu dhabuu daa’immaan naannoo daandii haaraa itti ijaaramu kan naannoo biroo harka sadiin akka caalu bu’aan qorannoo ogeeyyoota kanniin mul’iseera
Carraan du’uu daa’immaan naannoo daandiin haaraa itti ijaaramu dhibbeenta 11.5 wayita ta’u, kan naannoo biroo immoo dhibbeenta 8.5 akka ta’e himaniiru
Sababa balfa summaawaa kara seeraan alaariin gatamu kanan daa’immaan umiriin isaanii waggaa shanii gadii hanqina qulqillina qabiyyee Homogilobiinii jedhamu waan isaan qunnamuuf rakkoo hir’ina dhigaan lubbuu isaanii akka dhaban qorannoo kun mul’iseera
Ogeeyyoonni qorannoo isaanii kana Itoophiyaa keessatti kan gaggeessaniif biyyaatti keessatti ijaarsi daandii waan baay’ateef ta’u Neew Meedikaal Neet gabaaseera.