Itoophiyaan Biyyoota nagaa fi tasgabbii hin qabne keessaa sadarkaa 15 irratti argamti jedhame.

Biyyoonni Baha Afriikaa fi Giddu Gala Baha biyyoota nageenyaa fi tasgabbii hin qabnee akka ta’an qorannoon tokko mirkaneesseera.

Akkaataa qorannoo dhaabbata Ameerikaa tokkootti, Sudaan Kibbaa nageenyaa fi tasagabbii dhabuun Sumaaliiyaa dursuun sadarkaa tokkoffaa irratti argamti.

Itoophiyaan Qorannoo kanaan dura qoratameen biyyoota nagaa fi tasgabbii hin qabne jedhaman keessaa sadarkaa 19ffaa irra kan turte yoo taatu, amma immoo sadarkaa 15ffaa irra geessee jirti.

Qorannoo Biyyoota nagaa fi tasgabbii hin qabne jedhaman 178 irratti gaggeeffameen, Biyyi Guddu galeessa Afriikaa sadarkaa sadaffaa, Sudaan sadarkaa 5ffaa, Dimokiratik Kongoon sadarkaa 7ffaa akkasumas Keeniyaan sadarkaa 22ffaa irra akka jiran beekameera.

Biyyoonni kunniin nagaa fi tasgabbii hin qaban kan jedhamaniif rakkoo Diingdee, mana jireenyaa, carraa hojii fi walaitti bu’iinsa jiruun giddugala gochuun jedhameera.

Oduu Biraan immoo miseensonni Mana marii nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii haala nageenyaa biyyoota Afriikaa ilaalchisuun Kawuunsilii nagaanyaa fi tasgabbii Afriikaa wajjin mari’atan.

Mariin Garee lamaanii haala nageenya Sumaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi naannoo haroo Chaad irratti akka xiyyeeffate himameera.