Itoophiyaan Biyyoota Addunyaa Dhiyeessa tajaajila Interneetii Ugguraan keessa sadarkaa lammaffaarra jirti jedhame

Itoophiyaan biyyoota addunyaa dhiyeessii tajaajila interneetii ugguraan keessaa chaayinaatti aanuun sadarkaa lammaffaarraa akka jirtu gabaasni Firiidaam Haawuus mul’iseera.
Biyyoonni tajaajila Interneetii bilisaa fi sadarkaa amansiisaan lammiilee isaaniif dhiyeessan immoo Ayislaandii fi Istoniiyaa akka ta’aan gabaasni kun mirkaneesseera
Mootummaan Itoophiyaa naannoolee jirattoonni gaaffii mirgaa dhiyeessan jiraataniitti dhiyeessi tajaajila interneetii gutumaan gutuutti akka ugguruu gabaasni kun mul’iseera
Mootummaan Itoophiyaa Miidiyaaleen hawasummaa fi weebsayitoota qabiyyee siyaasa qaban hunda akka cufu gabaasni Firiidaam Haawuus beeksiseera
Akkasumas Itoophiyaan biyyoota gatiin dhiyeessii tajaajila interneetii bilbila harkaa baay’ee itti cimu keessatti akka ramadamtu himameera
Bu’uuraaleen Misooma Itiyoo -Telekoom to’aannoo mootummaa jala waan jiruuf baay’ee dadhabaa akka ta’e gabaasa kanarra hubatameera
Mootummaan Itoophiyaa gamasatiin, dhiyeessa tajaajila interneetii ugguree akka hin beekne beeksiseera
Miidiyaaleen Hawaasummaa kan cuufaman wayita barattoonni qormaata guutuu biyyaaleessa fudhatan ofa akka ture bulchiinsi mootummaa waayyaannee beeksiseera