Itoophiyaa Biyyoota Tajaajila Interneetii ukkamsan keessa adda dureen ramadamtee jirti

Dhaabbanni Firdaam Hawuus jedhamuu bu’aa qorannoo Itti fayyadama fi to’aannoo teekneloojii waggaa tokkoof qorateen, Itoophiyaan biyyoota akka Chaayiinaa fi Sooriyaa tajaajila Interneetii to’aachuu fi ukkamsuun adda duree ta’an wajjiin ramadamtee jirtii
Waggaa darbee irra jalqabdee tajaajila interneetii to’aachuu kan jalqabdee Itoophiyaa, Biyyoota Afriikaa 54 keessa adda durummaan Diinaa Teekeneloojii jedhamuun ramadamtee jirtii
Mormii Ummata Oromoo wajjiin walqabatee mootummaan Itoophiyaa tajaajila interneetii irratti qoqqophii ka’eera. Yeroo amma immoo labsii yeroo hatattaamaa labseen tajaajilicha interneetii cufuun ni yaadatama.
Motummaan Itophiyaa tajaajila Interneetii to’aachuu fi cufuun alaa mirga namoota itti fayyadaman sarbuun adda duree ta’uu dhaabbileen mirgaa namoomaaf falamna beeksiisaniiru
namoonni dhuunfaa, Gaazeexxestoonni fi namoonni mirga namoomaaf falmaan dhaabbilee sab-qunnamitt hawaasummaa irratti yaada isaanii waan bareessaniif maqaa shororkessummaa jedhuun hidhamniiru.
Mootummaan Itoophiyaa Tajaajila Interneet to’aachuuf dhiyeenya kana itti fayyadama teekneloojii ilaalchisuun labsii cimaa labsuusa Dhaabbaanni Firdaam hawuus beeksiisera.
Akka bu’aa qorannoo Firdaam Hawuusitti , Afriikaa Kibbaa ,Angoolaa ,Zimbabaawee, Malaawwii fi Morokoon bilisummaa itti fayyadama tjaajila Interneetiin sadarkaa gaarii irra jiru
Itoophiyaa keessatti tajaajil interneetii waan cufameef dhaabbileen addunyaa Wajiira Itoophiyaa qaban hojii isaanii hojjachuu akka hin dandeenye yeroo gara garaa komachaa turan.
Rakkoo tajaajila interneetii ilaalchisuun Minsteera dhimmaa alaa Itoophiyaa wajjiin mari’ataniis qoqqophiin kun yoom akka ka’u deebiin kennameef hin jiru.