Ilbiibsni Geerrii naannoolee jahaa keessatti Oomisha Boqqolloo lafa heektaara kuma 100 0l miidhaa akka jiru himameera.

Giddu-galeessa Amerikaatti akka ka’e kan himamu Ilbiisni kun, bara 2016 yeroo jalqabaatiif ergaa Ardii Afriikaatti keessati mul’ate biqiltoota gosa adda adda kan miidhee yoo ta’u, irra caalaan Oomisha Boqqolloo akka miidhaa jiruu ragaaleen ni mul’isu.
Ilbiisni Geerrii midhaan hanga ijaatti nyaachuun badii guddaa qaqqabsiisuu kun Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif ji’oota sadii dura Naannoo Ummattoota Kibbaatti akka mul’ate himameera.
Ilbiisni kun naannoo Ummattoota kibbaa irraa ka’uun gara Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Gaambeellaa fi Naannoo Beenishaangul – Gumuuziitti daangaa isaa babal’ifateera.
Yeroo ammaa Naannoolee jahanitti kan argaman godinaalee 35, aanaalee 235 fi gandoota 2,900 keessatti Oomisha Boqolloo irratti badii qaqqabsiisaa akka jiru Miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Ilbiisni kun boqolloo irratti miidhaa kan qaqqabsiisuu yoo ta’u, hanga ammatti lafa heektaara kuma 100 fi kuma 46 fi, 320 irratti akka mul’atees gabaafameera.
Ilbiisa kana to’aachuuf Keemikaala farra- ilbisaa fayyadamuu maddiitti karaa mala aadaan ittisuun fooyya’iinsa akka qabu himameera.
kanaafuu, Ilbiisa kana ajjeesuu, gubuu fi awwaaluun guutumaan guutuutti dhabamsiisuun akka danda’amu Ministeerri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa beeksiseera.
Ilbiisa kana ittisuuf keemikaalli farra ilbisaa liitira kuma 100 ol akka raabsames himameera.
Miidhaa Ilbiisni kun qaqqabsiisuu guddaa waan ta’eef qonnaan-bultoonni roobaan ni bada jedhanii yaaduu akka hin qabnees ogeessoonni qonnaa waamicha dhiheessaniiru.