Ijipti lammiileen ishee sadii Itoophiyaa keessartti hidhamanii turan gadi dhiifamuu isaanii beeksiftee jirti.

Mormii Ummata Oromoo guutuu naannichaatti gaggeeffama ture wajjiin walqabatee lammiileen Ijipt sadi harka keessa qabu jechuun akka hidhaman ni yaadatama . Hidhamuu namoota sadeen ilaalchiisuun jaarsummaa ji’oota lamaatiin booda namonni sadeen gadi dhiifamuu akka dandan gaazeexxaan Ahiiraam jedhamu gabaaseera.
Namooni sadeen magaala Finfinnee gadi dhiisaan gara kaayiiroo kan deeman yoo ta’u, yakkaa tokkoonu akka hin himatamne Ministeerri Dhimma Alaa Ijipti beeksiiseera.
Ministirri dhimmaa Alaa Ijipti Saamiih Shikuur ji’a sadaasa darbee gara Finfinnee demuun dhimma namoota sadeen hidhamanii ilaalchiisuun qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin akka mari’atan beekameera
Mootummaa Ijipti mormitoota keessattuu ABO deeggaruun mormii ummataa akka babal’atuuf garagaara jira jechuun Ministeerri dhimmaa Alaa Itoophiyaa ni himata.
Mootummaan Ijipti garuu waa’ee dhimma Itoophiyaa keessa akka hin seenee mormuun himaana kun soba jechun isaa ni yaadatama
Pirizedaantiin Ijiptii Abduul Fattaa Al-Siisii biyyii isaanii yoomu waa’ee dhimmaa Itoophiyaa keessa akka hin galleef galtees hin beektu jechusaanii miidiyaalee biyyaatti gabasaaniiru.
Lammiilee Ijiptii magaala finfinneetti hidhaara turan keessa tokko hogganaa Hoteela Reedisan Biiluuti akka ta’e beekameera. Laman hafan dhaabbilee adda addaa keessa hojjachaa turan jedhameera.
Hidhamuu fi mana hidhaatti gadi dhiifamuu lammiilee Ijitii kanniin ilaalchiise mootummaan Itoophiyaa hanga ammatti ibsi kenne hin jiru. Biyyoota laman gidduutti waliigalteen dippilomaasii waan dhabameef biyyoonni laman marii waa’ee pirojektii hidha haaromsa jalqaban addan kutuun isaanii ni yaadatama.
Yaa”ii Hoggantoota gamtaa Afriikaa Dhiyeenya magaalaa Finfinneetti ta’amuu irratti Pirizedaantiin Ijipti Abdul Fattaa Al-Siisii Qondalttoota Mootummaa Itoophiyaa wajjiin dhimmoota adda adda irratti ni mari’atu jedhame ni eggama.