Ijaarsi Pirojektii Hidha Jallisii Tandaahoo yeroo itti ni xumurama jedhamee karoorfamerra waggoota saddeet duubaatti harkifachuun akka xumurame himameera.

Ijaarsi Piroojektii hidha jallisii Tandaahoo bara 1997 Naannoo Affaaritti wayita jalqabamu waggoota sadi keessatti ni xumurama jedhamee karoorfamee turee.
Haa ta’uu malee, piroojektiin kun yeroo itti ni xumurama jedhame karoorfame waggoota saddeetiin duubaatti harkafachuun xumurameera.
Piroojektiin kun baasii birrii biliyoona 800 fi miliyoona 70’n akka xumuramuuf karoorfame ture ni beekkama .
Ijaarsi piroojektichaa garuu waggoota 11f waan duubatti harkifateef baasin kun dachaa shaniin dabaluun birrii Biliyoona 5 fi milioona 600’n akka xumurame Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Anniisaa beeksiseera

Hanqina humna Kontiraktaraa, Piroojektiirratti qorannoo gahaan qoratamuu dhabuu, fi rakkoolee Faayinansii wajjin walqabataniin piroojektiin kun yeroo karoorfame keessatti akka hin xumuramneef sababa ta’uu Ministeer Deetaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Anniisaa obboo Kabbadaa Garbaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.
Qamoolee Piroojektiin kun waggoota 11f duubaatti akka harkifatuuf sababa ta’uun baasii dabalataa fi qabeenyi akka manca’uuf gumachan irratti tarkaanfii fudhatamu ilaalchisee hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru.
Qaamoleen qorannoo gahaa hin qoratin akkasumas kontiraaktaroonni dandeettiin isaanii osoo ilaalamin ijaarsa piroojektichaa irratti akka hirmaataniif qaama eeyyame irratti tarkaanfiin fudhatames hin jiru jedhameeraa.
Piroojektiin hidha Jallisii Tandaahoo kun humna bishaan Meetir kuubii Biliyoona 1 fi miliyoona 800 kuusu kan qabu yoo ta’u, lafa hektaara kuma 60 jallisiin misoomsu danda’as jedhameera.
Piroojektiin hidha jallisii Tandaahoo yeroo ammaa shankoora lafa hektaara kuma 25 fi lafa qonnaa abbaa warraa kuma jaha misoomsaa akka jiru gaazexaan Addis Admaas jedhamu gabaaseera.