Ijaarsi Hospitaala Riifaraalii Walisoo dhibeenta 26 irra erga gahee booda ijaarsi addan cituusa himame

Godina Shawaa Kibbaa Lixaa Magaala Walisootti hospitaalli qabeenya mootummaa hin taane tokko tajaajila fayyaa kennaa jira.
Hospitaalli Qiduus Luqaas waggoota hedduuf jirattoota godinichaaf tajaajila kenna ture baay’ina tajaajilamtoota irraa kan ka’ee fedhii jiraattota guutuu akka hin dandeenye himameera
Rakkoo tajaajila fayyaa kana furuuf Ijaarsi Hospitaala Riifaraalii Walisoo bara 2007 jalqabameera.
Hospitaalichiis waggoota lama keessatti xumuramee jirattoota magaalatti fi godinchaaf tajaajila ni kenna jedhame.
Yaa ta’u malee, ijaarsi hospitaala Rifaralii walisoo waggaa lama keesssatti xumurame tajaajila kennu ni jalqaba jechun qondaltoota Oromiyaa dubbachaa turan dhibbeenta 26 irra erga booda ijaarsi isaa addaan citeera
Ijaarsi hoptaaliichaa akkaataa waliigalteen raawwatamaa akka hin turee fi lafarra harkifachaa jiraachuusaa isaa ilaalchisuun Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti gabaasa akka turan Itti-gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaalaa Walisoo Obboo Zawdee Baqqalaa miidiyaalee mootummatti himaniiru.
Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa gamasatiin, Kontiraktarri ijaarsa hospitaaliichaa jalqabe yeroon xumuruu waan hin dandeenyeef waliigaltee akka addaa kutame beeksiiseera.
Kontirakitarichi mana murtiitti waan himaateef ijaarsa Hospitaala Walisoo kontiraktara biraatti caalbaasiin kennuuf murtiin mana murtichaa eegama akka jiru himameera.
Kontirakitariichi jalqaba kaffaltii birrii miiliyoona 13 akka fudhatees gabaafameera
Birriin miiliyoona 69 ijaarsa hospitaala rifiraalii tokko ijaaranii xummuruuf gahaa akka hin taane osoo beekamu ijaarsa kana dhaabbatichaaf kennuun rakkoo akka qabu keessa beektoonni dubbataniiru