Ijaarsa manneen Jireenya wal wajjiiniif hanqina maallaqaa waan mudateef bajeenni akka hin ramadamne himameera

Ijaarsi manneen Jireenya wal wajjiinii yookan Kondominiyeemii bara 1996 erga jalqabe booda waggoota 13n darbaniif hanga jedhameen ta’uu baatuus itti fufeera.
Mootummaan Itoophiyaa waggoota shanan karoora Guddinaa fi Tiraansformeshiinii Marsaa lammaffaa keessa manneen jireenya wal wajjiinii kuma700 fi kuma 50 ijaaruuf karoorfateera.
Amma garuu hanqina maallaqaa irra kan ka’e karoorri ijaarsa manneen kun akka harkifate himameera.
Mootummaan hanqina maallaqaa waan mudateen ijaarsa manneen itti fufu akka hin dandeenye Minstiirri Manneen Magaalaa fi Misooma Magaalaa gabaasa mana marii bakka bu’oota Ummataaf dhiyeessen beeksiseera.
Pirojektiin ijaarsa manneen wal wajjiin bara 1996 jalqabe kun hanga yaadame ta’uu baatuus manneen kuma 100 ol ijaarun akka danda’ame miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Mootummaan bara 2005 Sagantaa kafaltii ijaarsa manneen wal wajjiin 10/90, 20/80 fi 40/60 jedhu qopheesseen hanga amma manni tokko xumuramee namootaaf akka hin kennamne gabaafameera.
Ijaarsi manneen kun rakkoo mana jireenyaa magaalaa Finfinnee hanga tokko kan fure ta’uus, hanqina qulqulliina ijaarsa wajjiin walqabatee komii baay’een akka qabu ni beekama.