Hoteelloonni Qondaltoota Mootummaa Bahaar-Daar keessa jiran eeggumsi addaa taasifamaaf akka jiru himameera.

Mormiin ummata naannoo Amaaraa wajjiin walqabatee magaalan gudddoon naanniicha bahaar Daar tasgabii erga dhabdee oltee bultee jirti.
Dargaggoonni naanniichaa mormii ummata oromoon booda miidhaa fi gadadoo mootummaa waayyaannee ammaan booda callisaanii ilaallu akka hin dandeenye bifa adda addaa ibsaa turaniiru
Yeroo dhiyoo asi immoo boombiin qaama hin beekamneen magaloota bahaar-daar fi gondoor keessatti darbatamu qondaltoota naanniichaa yaaddeesse jira
Haalli Tasgabbii naanniichaa kan isaan yaaddesse qondaltoonni naanniicha hoteeloota qabeenya qondaltoota olaannoo jedhamanii shakkamaniif eeggumsi addaa akka taasifamu gochuu isaanii gabaafameera
Hoteelloonni Qondaltoonni mootummaa gahee keessa qabu jedhamanii shakkaman Pooliisii addaa fi miseensiita raayyaa ittisa biyyaan akka eegaman taasifamaniiru
Haaluma kanan Hoteela Paappiraas kan obboo Addisuu Laggasaa , Hoteela Biluu Naayeel kan obboo Barakaat Simi’oon fi Hootela Gaasa kan obboo Ayyaaleew Goobazeeti jedhamanii shakkaman Miseensoota Pooliisii Addaa naanniichaa fi raayyaa ittisa biyaan eegumsi taasifamaaf akka jiru gabaafameera.
Oduu biroon immoo miseensi tika mootummaa tokko ajjeeffamusa himameera
Magaalaa Dabra Tabooriittiis abbaan qabeenya michuu mootummaa fi mormii irratti hirmaachuu dide tokkoo jala qabeenyi akka barbada’e gabaafameera.