Hogganaan Abbaan-Taayitaa Daandiiwwanii Itoophiyaa duraanii Obbo Zaayid Waldagabri’eel malanmaltummaan shakkamanii too’annoo jala oolfaman

Abbaa-taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa waggoota baay’eef hogganaa kan turan Obbo Zaayid waldagabiri’eel yakka malaammaltummaatti shakkamanii too’annoo jala akka oolfaman miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Obboo Zaayid Waldagabri’eel hagganaa Abbaa Taayitaa Daandiwwaan Itoophiyaa wayita turan aanaaleen Tigraay hunda Daandii asfalittiin akka walqunnamaniif hojjachaa turun isaanii ni nyaadatama.
Haaluma kanan walaghiinsi daandii Asfaaliitii naannoo Tigraay kan naannoolee biyyaatti hunda caalaa akka guddatu taasifameera.
Obbo Zaayid waldagabri’eel Kontirakataroota saba Tigraay Ijaarsa daandii irratti bobba’aan caalbaasii ijaarsa daandii akka injifatan gochuun gaheen guddaa gumaachaa turuu isaanii keessa beektoonni dubbataniiru
Obbo Zaayid Waldagabri’eel maallaqaa Ijaarsa daandiif ramadamu kontirakatoora saba Tigraay wajjiin ta’uun Saamaa akka turan ni himama
Bifuma walfakkatuun Manni marii bakka bu’oota ummataa mirga himatamuu dhabuu Ministiiri Deetaa Maallaaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee Obbo Alamaayyoo Gujoo erga kaasee booda gaafa jimaata akka hidhaman gabaafameera.
Ministira Deetaa Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee fi miseensa mana marii kan turan Obbo Alamaayyoo Gujoo wajjiirri ministeerichaa sirna faayinaansii gurmaa’e diriirsuuf eyyama Ejensii Bulchiinsa fi Qabeenyaa Federaalaa osoo hin arganne hojjachiisan jedhameera.
Hojiichi Caalbaasiin malee kennuu qofa osoo hin taane hojiichi osoo hin xumuramin akka xumurame fakkeessuun kaffaltiin raawwachisaniiru jedhame.
Waliigalaatti Ministira Deetaa Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee kan turan obboo Alamayyoo Gujoo malanmaltummaa adda addaan shakkamanii hidhamaniiru.
bifuma walfakkatuun Itti-aanaa daayreektara olaanaa koorporeshiinii Shukkara Itoophiyaa kan turan obboo Kiroos Dastaa malanmaltummaan shakkamaii akka hidhaman miidiyaan Paartii biyyaatti gabaaseera.
Obboo Kiroos Dastaa Damee Misooma manneen fi jallisii Koorporeshiinii Shukkaraa Itoophiyaa hogganaa akka turan himameera.
Hanga ammatti qondaaltonni olaanoo Koorporeshiinii Siibilaa fi Injinariiniig akkasumas Hoggantoonni Koorporeshiinii Shukkara Itoophiyaa obboo Abaay Tsahaayeen dabalatee kan biroo birrii biiliyoona 77 akka manca’u taasisan to’aannoo jala akka hin olfaamne beekameera.
Hanga ammatti hojjattoonni Mootummaa fi daldaltoonni malaammaltummaatti shakkamanii to’aannoo jala olfaaman 51 ga’uu isaanii himameera