Himannaan miidiyaalee ESAT fii OMN akkasumaas Dr. Birhaanuu Naggaa fii Obboo Jaawar Mahammad adda cituun himame

Abbaan Alangee Federaalaa himannaa, miidiyaalee teessoo isaanii biyya alaa ta’ee jiru; ESAT fi OMN, akkasumaas himannaan Dr. Birhaanuu Naggaa fii Obboo Jaawar Mahammad irratti bane ture akka adda citu gaafatee jiraachuun guyyaa har’aa miidiyaalee biyyattiin gabaafameera.

Obboo Birhaanuu Wandimmaagany Abbaa Alangee Federaalaatti daayreekteerri daayreektarri hordoffii yakkoota biyyaa alaa akka himannaan miidiyaa ESAt, OMN, Obboo Jawar Mahammad fii Dr. Birhaanuu Naggaa addaan cituun isaanii murtaa’ee jiru ibsaniiru.

Abbaan Alangee Federaalaa himannaan isaanii akka addaa citu xalayaa Mana Murtii Federaalaa Olaanaa dhaddacha 19ffaaf barreessee, manni murtiis gaafii Abbaa Alangee gaafatan guutumaan guututti fudhachuun isaanii barameera.

Himannaan galmee Dr. Maraaraa Guddinaa jalatti banamee ture kan Miidiyaalee lamaa fii Obboo Jaawar Mahammad fii Dr. Birhaanuu Naggaa addaan cituu miidiyaaleen biyyatti guyyaa har’aa gabaasanii jiru.