Hidhamuun Dr Maraaraa Guddinaa haala siyaasa biyyaatti irra caalaa boreessuu akka danda’u Amnestii Internaashinaalbeeksiise

Hidhamuun Dr Maraaraa Guddinaa siyaasa biyyaatti yeroo amma rakkoo keessa jiru irra caalaa hammeessuu akka danda’u Amnestii Internaashinaal ibsa baaseen beeksiisera.
Hogganaa paartii Kongiraasii Federalisiitii Oromoo hidhamuun, duulaa ukkamsuu mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu irratti duulaamee akka ta’e Amnestii Internaashinaalitti, itti-aantuu itti gaafatamituun Baha Afriikaa Miicheelee Kagaarii himaniiru.
Tarkaniiffiin mootummaan fudhate kun rakkoo tasgabbii biyyaatti keessa jirtu hammeessuu danda’u jechuun akekkachisaniiru. Tarkaniiffiin mootummaa kun qamoolee addunyaa haala Itoophiyaa dhiyeenyaatti hordofaniif ifaatti waamicha kan dhiyeessuu jedhan.
Hidhamuu Dr. Mararaa Guddinaa tarkaafii hamaa fi gaddisiisaa, jechuun balaaleffate
Mormii Ummataa Oromoo waggaa tokkoo oliif itti fufeef kan naannoo Amaaraa dhiyeenya jalqabamee wajjiin namoonni 700 ol loltoota mootummaatiin akka ajjeeffaman Amnestii Internashiinaal beeksiisa tureera.
Bifuma walfakkatuun, Ministeera dhimmaa Alaa Ameerikaatti, Itti-Aanaa dubbi himaan Mark Tonaar ibsa kennaan hidhamuun Dr Maraaraa akka isaan yaadeesse himan.
Hidhamuun Dr Maraaraa Guddinaa Itoophiyaa keessatti sagalee bilisaa dangeessuuf tarkaniiffiwwan fudhataman cimaa akka dhufan dabalatan mallattoo agarsiisuu keessa tokko jedhan.
Labsiin yeroo hatattamaa labsamee bilisaan dubbachuu, mormii ukkamsuu fi mirga lammilee heera mootummaatiin mirkana’ee ittisaa jirachuu isaatiif yaada qaban irra caalaa akka cimsuu Mark Tonaar himaniiru.
Kun immoo waada mootummaan Itoophiyaa yeroo labsii hatattamaa jijjirama siyaasa fudhachuuf galee kan faalleessuu waan ta’eef dhimmicha dhiyeenyaatti akka hordofan beeksiisaniiru.
Dr. Mararaan mana-hidhaa “Maa’ikelaawii” jedhamuun beekamu keessatti akka hidhamanii jiran beekamee jira. Maatiin isaanii nyaata geessanii, poolisoonni harkaa fuudhuun, Dr. Mararaa wajjiin wal agarsiisuu akka didan beekameera.
Mootummaan waayyaannee Dr Maraaraan mana murtiitti dhiyaatan jechuuf kaleessa galgala erga waajirri mootummaa cufamee booda mana murtii Aaraadaa naannoo bataskaanaa Goorgiisiitti argamutti dhiyeessuun beellama guyyoota 28 itti gaafataniiru. Manni murtichaas gaaffii isaanii fudhachuun muddee 28 bara 2016 tti akka beellamee beekameera.