Hidhamtoonni Siyaasaa himaannaan isaanii addaan citee dhiifaman gadhiifamu jedhaman muraasni akka gadi hin dhiifamne himame .

Namoota Mormii Jirattoota Gondor wajjiin walqabatee hidhaman keessa Koloneel Dammaqaa Zawwuduu dabalatee kan biroo muraasni himaannaan isaanii addaan citee gadhiifamaniiru
Himaannaan Abbootii Amantaa (Monoksoota)Gadaamiin Waaldibbaa akka hin diigamnee fi qabiyyeen gadaamiichaa tuqamuu hin qabu jechun mormaa turan addan cituus hanga amma mana hidhaatti gadi hin dhiifamne
Akkasumas Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo fi Birgadeer Jeneraal Asaaminaaw Tsiggee dabalatee miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa olaanoon waggoota saglan darbaniif mana hidhaa turan dfhiifaman akka gadhiifaman miidiyaalee mootummaan jimaata darbe gabaasaan ture
Yaa ta’u malee, miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa kunniin hanga kibxataa galgalaatti akka gadi hin dhiifamne beekameera
Miseensa hoggansa paartii Samayaawwii kan turan obbo Yoonaataan Tasfaayee guca dhiifama dhiyaateerratti hin mallatteessuu waan jedhaniif gadi hin dhiifamne jedhame
Barreessaan Ginboot Sabbaat kan turan obbo Andargaachoo Tsiggee hidhamtoota biroorra adda bahun mana hidhaatti hafuu akka hin qabne lammiileen Itoophiyaa gaafacha jiru
Obbo Andargaachoo Tsiggee Itoophiyaaf waan gaarii hawwuun kabajamuu mirga namoomaaf qabsa’aa waan turaniif duulli miidiyaa hawaasaa akka gadhiifaman gaafatu jalqabameera
Miseensoota Paartii Adda dimokirasummaa waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa obbo Andargaachoo fi hidhamtoonni Siyaasa biroo gadhiisisuuf dhiibbaa gochaa akka jiran himameera
Oduu walfakkatuun , miseensoonni humna Qilleensaa Itoophiyaa manneen hidhaa keessa jiran akka gadhiifaman waldaa Humna Qilleensa Itoophiyaa duraanii Waashingtaan Diisii jiru gaafateera
Waldaan kun maqaa miseensoota humna qilleensa mana hidhaa waayyaannee jiran ibsa baasee yaadateera
Haaluma kanan Ajaja abba dhibbaa Bayiiluu Gabree , Ajaja abba dhibbaa Masirashaa Saxxee, Ajaja abba dhibbaa Antanaah Taaddasaa, Ajaja abba dhibbaa Biruuk Axinaayee , Ajaja abba dhibbaa Dani’eel Girmaa fi Ajaja abba dhibbaa Gazahaany Diraas fa’a ta’uusaanii Waldaan Humna Qilleensa Itoophiyaa duraanii waamicha dhiyeesseera