Haroon Dambal waan faalameef Namaa, Beellada fi biqiltoota irra miidhaan gahaa akka jiru himameera.

Haroon Dambal jirattoota magaala Baatuuf bareedina adda , bakka bashannaanaa, madda bishaan dhugaatii, Galii fi Qurxummii ta’uun waggoota hedduuf tureera.
Amma garuu balfa gogaa fi dhangala’aa warshaalee adda addaa keessaa garaa haroo kanaatti gadi dhifamuun carraan haroo kanaa akkuma haroo Haramayaa waggoota muraasa keessatti gara seenaa ta’uutti jijjiiramu akka malu himameera.
Balfa dhangala’aa fi gogaan warshaalee fi qonnaa Abaaboo keessa gara harootti gadi dhiifamu qurxummii dabalatee lubbu qabeeyyii biroo bishaan keessa jiraatan ajjeessa akka jiru gabaafameera.
Jalliisiin aadaa fi ammayyaa baay’een naannoo haroo danbaliitti argaman bishaan harichaa yeroo gara yerootti akka hir’atuuf akka gumaachan jirattoonni dubbataniiru.
Jirattoonni magaalaa baatuu bishaan dhugaatii qulqulluu argachaa kan turan haroo kanarraa yoo ta’u, kampaanii Sheer Itoophiyaa jedhamu qonna Abaaboo erga jalqabee booda dhiyeessi bishaan magaalaatti akka faalame ni himaniiru.
Bishaan dhugaatii magaala baatuuf dhiyaacha jiru wayita dhugaan foolii adda kan qabu yoo ta’u, yoo dhamdhamataniis faalamuun bishaaniicha ifaatti akka beekamu jirattoonni magaalaatti dubbataniiru.
Kampaanii Sheer -Itoophiyaa jedhamu kun lafa Qonna Abaaboo heektaara hedduu magaalaa Baatuu maddii kan qabu yoo ta’u, oomisha Abaaboof bishaan haroo Dambalitti fayyadama jira.
Kampaaniichi bishaan Oomisha Abaaboof itti fayyadamu fi keemikaalaan faalame osoo hin qulqulleesine deebisee gara haroo Dambalitti waan gadi dhiisuuf jireenya lubbu qabeeyyii baay’ee balaaf saaxileera.
Bishaan kampaanii sheer -Itoophiyaa abaaboof itti fayyadamee gara harootti deebisee gadi dhiisu kun keemikaala adda addaan kan faalame ta’u qorannoon akka mirkana’ees gabaafameera
Bishaan haroo Dambal irra caalaan balfaa qonna Abaaboo Sheer- Itoophiyaa keessa gadi dhiifamun faalame Nama, Beellada fi biqiltoota miidhaa akka jiru jirattoonni dubbataniiru.
Dhiyeessi Bishaan dhugaatii jirattoota magaalaa Baatuus balfa gogaa fi Dhangala’aa warshaalee fi Qonna Abaaboo keessa gara haroo Dambalitti gadi dhifamuun faalameera.
Bishaan dhugaatii Magaalaa Baatuu teekenoloojiin qulqulleesituu Bishaanii Biiroon Bishaan, Alnuudaa fi Inarjii Oromiyaa waggoota muraasan dura ijaarsise qulqulleessuu waan hin dandenyeef pirojektiin haaraa jalqabameera.
Balfi gogaa fi dhangala’aan haroo Danbal akka hin faallee ittisuun kan danda’amu ta’us, abbootii qabeenyaan qondaltoota mootummaa Olaanoon waan dhaadataniif qaamni itti dubbatu hin jiru jedhameera.
Ministirri Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Qilleensaa Dooktar Gammadoo Daalee gama isaanitiin, eeyyamni invastimantii yammuu kennamu, faayidaa malee miidhaan isaanii adda baafamee ilaallu dhabuun amma rakkoo uumaa akka jiru himaniiru.