Haalli Siyaasa Itoophiyaa yaaddeessa waan ta’eef sanadii Ce’uumsaf gargaaru wajjiin akka Qopheessaan Dhaabbiileen Siiviik beeksisan

Dhaabbileen Siiviik dhimmaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffachun hojjatan haalli siyaasa biyyaatti yeroo amma jiru waan isaan yaaddeesef sanadii ce’uumsaaf gargaaru wajjiin akka qopheessan beeksisan.
Dhaabbiileen Siiviik kunniin fulbaana 27 fi 28 bara 2010 Amerikaa magaala Daalaasitti guyyoota lamaaf marii gaggeessan haali Siyaasa Itoophiyaa yeroo amma jiru yaaddeessadha jedhan
Waltajjii marii kana wayita xumuran ibsa ijjannoo abbaa qabxii 10 baasaniin haali Itroophiyaa baay’ee yaaddeessa fi xiyyeeffannaa kan barbaadu jedhaniiru
Hirmattoonni waltajjii kana ajjeechaa lammiilee kuma tokko ol irratti Loltoonni Mootummaa Itooophiyaan bara darbe naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Ummattoota kibbaa ummata koonsoo irratti raawwatan ibasa ijjannoo isaanii kanan balaleeffataniiru
Walitti bu’iinsi daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee bu’aa sirna federaliziimii saba fi sablamoota irratti hunda’ee waan ta’eef furmaata isaaf hundu akka hirmaatu gaafataniiru.
Qabsoo ummanni Itoophiyaa mootummaa abbaa irree waayyaannee kuffisun gara sirna dimokirasiitti ce’uuf gochaa jiru tumsuf sanadii adeemsa ce’uumsaaf gargaaru wajjiin qopheessuu isaanii dhaabbiileen Siiviik himan.
Itoophiyaan akka biyyaatti gara fulduraaf itti fufsisuu akkasumas daangaan ishee kabajamee lammiileen biyyaatti nagaan, jalaala fi kabajaan akka wajjiin jiraataniif olatummaan seeraa fi Dimokirasii dagaguu akka qabu ibsa ijannoo kanarra hubatameera