Haalli O’iinsa qilleensa Itoophiyaa dabaluun tamsa’ina dhibee busaaf gumaachaa akka jiru ibsameera.

Bookeen dhukubaa busaa daddabarsuun beekamtu naannoo gammoojjiitti wal horaa turte amma garuu sababa jijjiirama qillensaatiin naannoo namoonni baay’een jiraataniitti babal’achaa akka jiru qorannoon tokko mul’iseera.
Qorannoo Yuunvarsitii Meeyiin fi Kolombiiyaa Institiyuutii Qorannoo Hawaasummaa Haala Qilleensaa wajjiin qoratan akka mul’isutti lammiileen Itoophiyaa baay’een naannoo baddaa jiraatu.
Haali qilleensa qorraan naannoo kana jiru bookeen busaa akka wal-hortuuf mijaata waan hin taaneef carraan dhibee busaan qabamuu hin ture
Amma garuu haali qilleensaa waan jijjiirameef bookeen dhibee busaa daddabarsuun beekamtu fi naannoo gammoojjii qofaatti argamtu gara naannoo baddaatti akka babal’atuuf haala mijaataaf akka jiru himameera.
Hogganaan garee Qorannoo kanaa Doktaar Biradfiildii Liyoon haali qilleensaa o’aa xiqqoo bookeen dhibee busaa daddabrsitu akka wal hin horeef gargaara jedhaan .
Lammiileen Itoophiyaa baay’een lafa ol-kaa’insa meetira 1500 hanga 2500 qabu irra kan jiraatan yoo ta’u, naannoo kun dhibee busaa irra bilisa akka ta’e qorannoon mirkana’eera.
Naannooleen haala qilleensa wal-hormaata bookee busaaf duraan mijaata hin ture jijjiirama qilleensaa wajjiin walqabatee yeroon booda wal -hormaata bookee busaaf mijaataa akka ta’u himameera.
Haali O’aa Qilleensa Itoophiyaa waggoota 10n keessatti digrii seentii gireedii tuqaa 22 dabalaa akka jiruus qorannoo kun mul’iseera.