Guddinni Qonna Itoophiyaa waggaa waggaan dhibbentaa7’n guddataa ture jedhame sababa hongeetiin gara dhibbentaa 2.5 tti gadi bu’uunsaa himame.

Balaa hongee naannolee afur keessatti qaqqabee wajjin walqabatee oomishni qonnaa biyyattii irratti miidhaa geessisuusaa ministeerri muummee Hayilamariyaam Dassaleeny tibbana mana marii bakka bu’oota uummataatti himaniiru .

Balaan hongee haaraan naannolee Oromiyaa, Affaar, Uummattoota kibbaa fi Sumaalee miidhe kun namoota miiliyoona 5.6 gargaarsa yeroo hatattamaaf saaxileera.

Sababa hongeetiin guddinni qonnaa akka malee gadi bu’us sadarkaa biyyoolessaatti wabii nyaataa mirkaneessuun akka danda’ame obbo Hayilamariyaam dubbataniiru.

Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii fi Dhaabbileen Arjoomtota Addunyaa gamasaaniitiin, biyya Itoophiyaa wabii nyaataan ofi hin dandeenyeef haawaasni addunyaa akka gargaaru gaafachaa jiru.

Dhaabbanni Mit-Mootummaa Jaarmaan Namni namaaf jedhamu lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 5.6 gargaarsi yeroo hatattamaa akka barbaachisu ibsa miidhaa hongeen kun qaqqabsiisaa jiru ilaalchisuun baaseen beeksisuunsa ni yaadatama,

Balaan hongee lammiilee Itoophiyaa midhaan nyaataaf gargaarsa qaama biroo akka eeggataniif saaxile kun uwwisa miidiyaa gahaa hin arganne jechuun dhaabbatichi miidiyaalee gurguddoo addunyaas komatee ture.

Baankii Addunyaa fi dhaabbileen Faayinansii addunyaa balaan hongee kun guddina diinagdee biyyattii irratti miidhaa qaqqabsiisuun rakkoo baay’ee akka fidu beeksisaa turaniiru.