Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gimbichuu Caffee Donsaatti dhaabbileen mootummaa fi Ummataa Ibidaan akka gubatan himame

Godina Shawaa bahaa aanaa Gimbichuu Caffee Donsaa ganda Dhowwaattuu Calleetti wajjirri qonnaan bultoota tokko ibidaan akka gubate maddeen oduu gabaasaniiru.
Wajjiira qonnaan bultoota kana eenyu akka gube beekamu baatuus,Xaa’oon, Shukkaara uummataaf raabsuuf kuufame,Maallaqaa fi galmeen qonnaan bultoota ibidaan barbada’uun himameera
Mormii jiraattoota aaniicha wajjiin walqabatee manneen barnoota, manni murtii fi dhaabbiilee Ummataa fi mootummaa biroorra balaan gahusaa jirattoonni dubbataniiru.
Pooliisiin Oromiyaa fi jarsooliin biyyaa haala jiru tasagabeessuuf qindominaan hojjachaa akka jiran ragaaleen mul’isaniiru.
Bifuma walfakkatuun, Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti mormiin ummataa Aanaa Minjaar Shankoora wajjiin walqabatee naanniichi tasgabbii dhabuun himameera.
Mormii Ummataa Minjaar Shankoora magaala Araritii kanan warshaan chipudii warraa chaayiinaa tokko ibidaan akka gubate Biiroon Dhimmoota Komunikeshinii naannoo Amaaraa beekisiseera.
Jirattoonni magaalaatti guyyoota 14f walitti aanuusudhan tajaajili dhiyeessi humna ibsaa waan jala addaan citeef mormiif akka bahan gabaafameera.
Rakkoon jirattoota addaan ciccituu humna ibsaa qofa osoo hin taanee dhiyeessi Oomishaalee bu’uura akka shukkaara fi Zayitiin akkasumas qaala’iinsi gatiin humna ol ta’uu wajjiin walqabata jedhameera
Mormiin Ummataa Minjaar Shankoora magaala Araritii kanan namoonni lama miidhamanii yaalama akka jiran qondaltoonni naanniicha dubbataniiru
Oduu biraan immoo, rakkoo nageenyaa yeroo darbee wajjiin walqabatee Yunvarsiitii Mattuutti barnoonni addaan citee akka ture himameera.
Barattootni naannoo biraa irraa dhufan lakkofsi isaanii 60 gahu ajaja tikoota mootummaa waayyaanneen dallaa yunvarsiitichaa gad dhiisanii gara Gambeellaa baqatanii ture.
Marii hoggantoota Yunivarstichaa,bulchiinsa Godinichaa fi jarsoolii biyyaatiin barattoonni saba tokko ajaja tikoota waayyaanneen Gambeellaatti baqatan turan akka gara Yunvarsitichaatti deebi’an taasifameera.
Yaa ta’u malee,baratoonni gara Gambeellaatti baqatanii turan kunniin gara Yunivarsiitii Mattuutti wayita deebi’aan dhufan barattootni muraasni hiriiraa bahun mormaa akka turan dhaga’ameera.