Godina Kaabaa Walloo Magaalaa Qobbootti loltoonni Agaazii namoota nagaa ajjeessaniiru

Ajjeechaa gara jabeenya lammiilee nagaa magaala waldiyaa irratti loltoonni agaazii raawwatanii booda magaaloonni Godina Walloo Kaabaa tasgabbii dhabaniiru.
Jirattoonni magaala Qobboo fi naannoshee guyyoota darbaan loltoota waayyaannee agaazii wajjiin lola keessa akka turan himameera.
Jirattoonni magaalaa Qobboo fi naannoshee miseensoota agaazii dhalattoota Tigraay qofti keessa jiran wajjiin meeshaa qabaniin hunda hidhachun walwaaranaa jiru.
Loltoonni Agaazii humna dabalachun tarkaanniiffi fudhataniin namoonni nagaa lamaa fi miseensi agaazii tokko ajjeeffamu himameera.
Ajaajaan Qajeelcha Poolisii godinichaa Komaandar Amaare Gooshuu miidiyaalee waayyaanneetti akka himanitti, rakkoo nageenyaa uumameen namoonni nagaa lama fi miseensi agaazii tokko du’aniiru.
Namoota ajjeeffaman malee namoonni sagal miidhamusaanii komandarichi dubbataniiru
Jirattoonni magaala Qobboo sagal loltoota agaaziin akka ajjeeffaman maddeen oduu ESAT tti himaniiru
Tarkaniiffii jibbinsaa fi gara jabeenya loltoonni agaazii namoota nagaa irratti fudhachaa jiran wajjiin walqabatee, dhaabbilee mootummaa, manneen daladalaa miseensoota waayyaannee fi konkolaattoonni deeggartoota sirnichaarra miidhaan gaheera
Daandiiwwaan gara magaala Qobboo geessan bakka adda addaatti dhagaan waan cuufamaniif tajaajilli geejjibbaa tokkolee akka hin jire himameera
Mootummaan waayyaannee jirattoota magaaloota godina Walloo kaabaarratti loltoota agaazii dhalattoonni tigraay qofa keessa jiran bobbasuun lubbuu namaa galaafachu itti fufeera.
Jirattoonni magaalaatti meeshaa waarana qaban hunda hidhachun loltoota Agaazii wajjiin wal waaraanaa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru
Miseensoonni Agaazii konkolattoota kudhaniin naannoo Tigraay gara magaala Qobboo ergaman qarqara magaalaatti akka qubatan himameera
Jirattoonni magaala Qobboo nagaa fi bilisummaa gonfachuuf qabsoo jalqabaniin, bulchiinsa abbaa irree waayyaannee ofirra fonqolchuuf kutannoo guddaan akka ka’aan beeksisaniiru.
Loltoonni waayyeennee magaala qobboo naannoo Nook jedhamu qubatanii jiran ofii isaaniif walitti dhukaasuu akka jalqaban himameera.
Sababni dhukaasa kana immo miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa dhalattoota Oromoo fi Amaaraa ta’aan ummata nagaa irratti hin dhukaasnu waan jedhaniif dhalattoota Tigraay wajjiin walitti dhukaasu akka jaqaban himameera.
Itoophiyaatti Ambasaddarri Jarman Doktor Maraaraa Guddinaa wajjiin Mari’atan.