Godina Guraagee magaala Walqixxeetti mormiin laguu gabaa gara hiriira mormiitti jijjiirameera

Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Guraagee magaala Walqixxeetti mirmiin laguu gabaa gara hiriira mormiitti jijjiiramuun gamoon wajjiiraaleen mootummaa ibidan gubateera
Mormii Ummataa kanan sanadiiwwaan adda addaa barbada’uu ragaaleen mul’isaniiru
Jirattoonni magaala Walqixxee sodaa waggoota hedduuf ture cabsuun hiriira bahun morma jalqabaniiru
Jirattoonni magaalaatti guyyaa roobii jalqabee mormii laguu gabaarra kan turan yoo ta’u guyyaa lammaffaatti immo hiriira akka bahan himameera
Mormii laguu gabaa kanan manneen daldalaa, hoteeloonni, manneen barnootaa fi wajjiiraleen mootummaa cufamun tajaajil geejjibbaa addaan citeera
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa giddugala leenjii Xollaay jiran magaala Walqixxee galun dhaga’ameera
Mormiin ummataa humna pooliisii magaalaatti ol waan ta’eef miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa tarkaniiffii humna olii fudhachaa akka jiran himameera
bifuma walfakkatuun, Godina Jimmaatti Sidaan Yaaddannoo Ministiira Muummee duraanii Obbo Mallaas Zeenaawwiif addababaayii Magaala Agaarootti ijaarame diigame
Qeerroon magaala Agaaroo tarkaniiffii fudhataniin siidaa yaaddannoo Mallaas barbadeessuun himameera
Qeerroon magaalatti kana dura siidaa yaaddannoo Mallaas haalluu dibuun eenyummaan isaa akka hin beekamne gochun ni yaadatama
Siidaan yaaddannoo Mallaas Zeenaawwii magaala Agaarootti dhaabbachuu waan hin qabneef seenaasaa badaa wajjiin buqqisan gatuuf akka murteessan qeerroon beeksisaniiru
Oduu biraan immoo Godina Arsii magaala Itayyaatti hordoftoota Amantii Kiristaanaa fi Islaamaa walitti buusuuf shira xaxama jiru qeerroon faashaleessuu akka qaban waamichi dhiyaateera
Magaalan Itayyaa tasgabbii dhabuun lubbuu namoota lamaa akka darbe himameera
Oduu biraan, magaala Shawaa Roobiittitti Tarkanniiffi fudhatameen loltoot Agaazii sadi ajjeeffamaniiru
Mormiin jirattoota magaalaatti wajjiin walqabatee dhukaasa tureen loltoonni Agaazii sadeen ajjeeffamu isaanii himameera