Godina Guraagee magaala Walqixxeetti mormiin jalqabame guyyaa torbaffaaf itti fufeera

Jirattoonni magaala Walqixxee mormii erga jalqabanii torbaan tokko ta’eera .
Magaalan Walqixxee daladalaa fi sochii adda addaan beekamtu mormiin ummataa kanan waan jirattoonni keessa baqatan fakkattee ooltee jirti
Guyyoota laman darban manneen daladala tokko tokko banamanii yoo ta’u, kibxataa ganamaa jalqabee akka cufaman ragaaleen mul’isaniiru
Jirattoonni magaala Walqixxee labsii yeroo hatattamaa erga labsamee boodaas mormii isaanii itti fufun manneen daladala cufamaniiru
Akkasum tajaajilli geejjiibbaa gutumaatti addaan cituusa beekameera
Ummanni Guraagee komii fi miidhaa waggoota hedduuf kuufame kana booda baatee itti fufu akka hin dandeenye qindestoonni mormii ummataa ESATtti himaniiru
Fedhii ummataa hordofuun mormii fi laguun gabaa akka itti fufu dubbataniiru
Miseensoonni bulchiinsa mootummaa mormii ummataa qindeessuu jedhaman lama akka hidhaman himameera
Bulchiinsi Godina Guraagee mormii ummataa kana duuba harki hoggantoota paartiichaa keessa jiraachuu mala jechun qorannoo akka jalqabe himameera
Hojjattooni mootummaa baay’een ifatti mormii ummataa kanatti makamun gaaffii jijjiirama barbaana jedhu dhiyeessa akka jiran beekameera
Magaaloota Godina guraagee biroo keessarri dhiibbaa pooliisii Federaalaan manneen daladala tokko tokko akka banamaniiru
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee akkuma barame daragaggoota baay’ee hidhuun sagalee ummataa ukkamsuuf winxirfachaa jira jedhame
Mootummaa jirattoota walqixxeetti jarsoota biyyaa kan ergus milkii malee xumurameera
Jirattooni jarsoota kanniin erga mootummaa fidanii nutti hin dhufinaa jechun akka deebisan ragaaleen mul’isaniiru
Ummanni Guraagee jijjiiramaaf kan ka’e waan ta’eef humni gara duubaatti deebisu tokkolee akka hin jire qindestoonni mormii kana himaniiriu
Qabsoon dargaggoo Guraagee qabsoo ummata Itoophiyaa hunda ta’uus beeksisaniiru
Riippablika Dimokirataawa Koongootti hojjattooni dhaabbata Gargaarsaa lama ajjeeffaman
Hojjattooni dhaabbata gargaarsaa mit-mootummaa Faransaay Haydiroliik San Firoonteeyiir jedhamu lama Riippabilika Dimokiratawaa Koongootti akka ajjeeffaman himameera
Eenyummaan qamoolee hojjattoota dhaabbatichaa ajjeessan hanga amma hin beekamne
Hojjattooni dhaabbaticha laman baha Koongoo bulchiinsa kiivuutti akka ajjeeffaman BBC gabaaseera
Riippablika Dimokirataawa Koongoo waggaa tokko oliif tasgabbiin irra fagaateera.
Koongootti Lakkofsi hojjattoota dhaabbilee gargaarsa waggaa tokko keessatti ajjeeffamanii afur gahun himameera
Kana duras Hojjattoonni dhaabbata mootummoota Gamtomaanii lama ajjeeffamun isaanii ni yaadatama
Biyyii Afriikaa duraan Zaayeer amma immo Koongoo jedhamtee beekamtu kun Waggoota 32f bulchiinsa mootummaa abbaa irre Mobuutuu Seeseekkoo jala turtee jirti
Waggoota 21 darban immo abbaa fi ilmi loreen Kaabiilaa fi Jooseef kaabiilaa itti waljijjiiruun bulcha jiru
Ajjeecha abbaa isaanii Loreen Kaabiilaa booda gara aangootti kan dhufan Jooseef Kaabiilaan umirii aangoo isaanii karaa seeraan alaan dheereffachuuf yaaluun isaanii biyyaatti gara lola walwajjiiniitti galcha jira