Gareen Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaala Waldiyaa Bittinaa’eera

Mormiin Ummata Walloo Kaabaa cimee itti fufuun lubbu namoota heddu gaalafachuun qabeenya baay’een akka barbada’uuf sababa ta’eera.
Daandiin Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay giddugala biyyaatti shaqaxoota fi Oomishaalee biroo gara Tigraay ittin geejjebsiisu mormii ummataa cuufameera
Jirattoonni magaala Waldiyaa gita bittaa waayyaannee mormuun godina Walloo Kaabaatti qabsoo jalqaban itti fufun guyyoota sadiif ugguraa mana ooluu jalqabaniiru
Magaala Waldiyaa keessa loltoonni waayyaannee kumatamni bobba’aniis jirattoonni magaalaatti garu yoomu bulchiinsa abbaa irreef harka akka hin kennane mul’isaniiru
Sababa uggura mana ooluu kana wajjin walqabatee manneen daldalaa hundi waan cuufamaniif daandii magaalatti irratti kan mul’atan loltoota mootummaa qofa akka ta’an himameera
Sababa mormii jarattoota kanan gareen Kubbaa Miilaa bulchiinsa magaala Waldiyaa bittina’uusa himameera.
Gareen kubbaa miilaa bulchiinsa magaala waldiyaa kana dura gitasa bulchiinsa magaala maqalee wajjiin wayita taphatu mormii deeggartoota gidduuttu uumameen lubbuun nama darbuun kan yaadatamudha
Mootummaa waayyaannee tarkaniiffi haalo bahuu dhiyeenya kabaja ayyaana cuuphaa irratti fudhateen daa’imma waggaa 12 dabalatee lubbu jirattoota magaala Waldiyaa 13 gaalafateera
Kana wajjiin walqabatee gareen Kubbaa Miilaa Bulchiinsa magaala Waldiyaa haalli waldorgommii irratti akka hirmaatuuf mijaatu akka hin jire himameera
Garichi waldorgommiiwwaan itti aanaaniif walitti aansee shaakaluun qopha’uu waan hin dandeenyeef taphattoonni bittina’uusaanii hogganaan garicha obbo Garamaaw Kaasaa dubbataniiru
Garichi tapha Pirimiiyaar Liigii Itoophiyaa 12 ffaa garee Jimmaa Abbaa Jifaar wajjiin erga taphatee booda waldorommii irratti hirmaachu akka hin dandeenye himameerea
Hoggansi Federeshiinii Kubbaa miilaa Itoophiyaa haala jiru hubannoo keessa galchuun haala mijaata akka uumuuf gareen kubbaa miila bulchiinsa magaala Waldiyaa xalayaan gaafachusa beekameera
Federeshiniichi taphoota garichi Amajjii 24 fi 27 qabu gara yeroo biraatti akka dabarsuuf gaafachuusa Sab-qunnamittiin naannoo Amaaraa gabaaseera