Gandoonni Oromiyaa Baay’een Naannoo Sumaaleef Kutamanii kennamaa akka jiran himame.

Gandoota daangaa naannoo Oromiyaa fi Sumaalee irra jiran naannoo kam jelatti buluu akka barbaadan sagaleen murteeffataniiru.

Akkaataa Sagalee uummataa yookaan Riferendamiitiin gandoonni baay’een gara barbaadanitti kan daangeffaman yoo ta’u ,muraasni garuu osoo hin daangeffamin turaniiru.

Murtii Rifirendamii kanaan dura gaggeeffameen gandoonni naannoo Oromiyaa jalatti buluuf murteeffatan tibbana naannoo Sumaaleef kutamanii akka kennaman murtaa’u jiraattonni dubbataniiru.

Godina Harargee Bahaa fi Lixaatti Araddaaleen 27 naannoo Oromiyaa irraa kutamanii naannoo Sumaaleef akka kennaman Mootummaan Oromiyaa, Federaalaa fi Sumaalee waliigaltee irra akka gahan himameera.

Akkaataadhuma kanaan Godina Harargee Bahaa aanaa Gursum gandoonni 7 hanga 8 kanaan dura bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jala turan naannoo Sumaaleef kutamanii akka kennaman jiraattonni himaniiru.

Gandoonni Aanaa Gursum irraa kutamanii naannoo Sumaaleef kennaman jedhaman kunniin Kulmiyyee, Nooleyyee, Warra Alii, Warra Guuyee, Bakakkaa, Qoree, Resiisii fi Fariyyee ta’uu jiraattonni dubbataniiru.

Kana malees Gandoonni baay’een Aanaa Ciinaksan, Babbilee fi Aanaalee biroo Godinaalee Baalee, Booranaa fi Gujii irraa kutamanii naannoo Sumaaleef akka kennaman murtii irra gahamuun himameera.

Jiraattonni Aanaa Gursum magaalaa fi baadiyyaa walitti bahuun ”lafti keenya lafee keenya” jechuun murtii mootummaan naannoo Oromiyaa gandoota aanichaa naannoo Sumaaleef kutamanii akka kennaman murteesse mormaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Gursumii fi Itti-aanaan isaanii waliigaltee gandoota kutanii naannoo Sumaaleef kennuuf sadakaa naannoo fi Godinaatti mallatteeffame kana hin mallatteessinu waan jedhaniif liyyuu poolisiin hidhamanii reebamaa akka jiran jiraattonni dubbataniiru.

Qondaaltonni mootummaa naannoo Oromiyaa bulchitoota aanaa Gursum lamaan liyyuu poolisii Sumaalee harkaa baasuuf tarkaanfiin fudhatan hin jiru jedhameera.

Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee gandoota kanniinii weeraruun alaabaa naannoo Oromiyaa buusuun kan naannoo Sumaalee akka fannise himameera.
Jiraattota Gandoota kanniiniis naannoo Sumaalee jalatti hin bullu jettanii mormaa jirtu jechuun dararaa akka jiran himameera.