Galiin daldala Alaa Itoophiyaa Ji’oota 11n darbaan hanga yaadameen hin milkoofne jedhame.

Mootummaan Itoophiyaan Oomishaalee adda addaa ji’oota 11n darban gara biyyoota alaatti ergamaniirra galii dolaarii Biiliyoona 4.3 argachuuf karoorfate ture.
Yaa ta’u malee, galiin argamuu danda’e dolaarii biiliyoona 2.53 qofa akka ta’e Ministeerri Daldalaa beeksiseera. Galiin argame kun karoora keessaa dhibbeentaa 59 akka ta’e himameera.
Galiin daldala alaa irra ji’oota 11 darban keessa argame kun kan bara darbee yeroo walfakkata wajjiin yoo ilaallamu dhibbeenta 1.9n hir’ina qaba jedhameera.
Sadarkaa Gabaa Addunyaatti gabaan Oomishaalee qonnaa hir’achuu, Dorgamaa ta’uu dhabuu, rakkoo qulqulliina fi dhiyeessii akkasumas Pirojektiwwaan Invastimantii dafanii gara oomishutti galuu dhabuun akka sababatti dhiyaataniiru.
Oomisha Midhaan dibataa fi dheedhii toonii kuma 900 fi kuma 3 fi 900 gara biyyaa alaatti erguun galii dolaarii biiliyoona 1.4 argachuuf karoorfame akka turees himameera.
Haaluma kanan toonii kuma 700 fi kuma 85 fi 400 gara alaatti erguun karoora gadii galii dolaarii miiliyoona 800 fi miiliyoona 63 akka argame Minsteerri Daldalaa beeksiseera.
Kunis kan bara darbee yeroo walfakkata wajjiin yoo wal biraatti ilaallamu Oomishni ergame dhibbeente sadiin akkasumas galiin argame immoo dhibbeenta 4n akka hir’ate gabaafameera.
Biyyaattiin erga labsii yeroo hatattamaan buluu jalqabdee asi galiin damee adda addaa irra argatu gadi bu’aa akka jiru gabaasa qondaltoonni mootummaa dhiyeessan irra hubachuun ni danda’ama,
Mootummaa Itoophiyaaf madda sharafa alaa kan ta’e daldala biyyaa alaa karoora gadi waan ta’eef rakkoo sharafa alaa furuun ammas akka hin danda’amne kan mul’isu ta’u ogeessonni diinagdee himaniiru.
Galiin sharafa alaa damee turiziimii irra argamu mormii ummataa ukkamsuuf labsii yeroo hatattamaa labsame wajjiin walqabatee yeroo kamuu caalaa akka gadi bu’e gabaafamuun kan yaadatamudha.