Gaazexxessaa Iskindiir Naggaa fi Obbo Andu’aalam Arraagee dabalatee hidhamtoonni Siyaasa 746 akka gadhiifaman Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksise

Hidhamtoonni Siyaasa yakka shororkeessummaa, jeequmsa, mankaraarsummaa amantaa fi kan biroon himatamanii itti murta’ee fi dhimmi isaanii mana murtiin ilaallama jiru akka gadhiifaman abbaan alangaa waliiglaa federaalaa beeksisan
Hidhamtoonni siyaasa sadarkaa federaalaatti itti murteeffammee manneen hidhaa keessa jiran 417 dhiifamaan akka gadhiifaman himameera
Gaazexxeessaa Iskindiir Naggaa fi obbo Andu’aalem Arraagee fulbaana 3 bara 2004 jalabee mana hidhaa keessatti dararamaa akka jiran kan yaadatamudha.
Hidhamtoonni himaannaa isaanii hordofa jiran 329 immoo himaannaan addaan citee akka gadhiifaman himameera
Murtii koree hojii raawwachiistuu Adda dimokirasummaa Waarrasaa Ummattoota Itoophiyaatiin irratti hunda’uudhaan hidhamtoonni 298 manneen hidhaa Federaalaatti gadhiifamu jedhameera
Hidhamtoonni 119 immoo manneen hidhaa bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraatti akka gadhiifaman himameera
Hidhamtoonni himaannaan isaanii addaan cituu 278 manneen hidhaa Federaalaa, 18 naannoo Amaaraa akkasumas 33 immoo naannoo Tigraay akka ta’an ibsa Abbaa Alangaa Waliigalaa federaalaarra hubatameera
Hidhamtoonni 417n Pirezedantiin biyyaatti Dr Mulaatuu Tashoomaa erga mallatteessaanii booda leenjii haaromsa fudhatanii gadhiifamu jedhameera
Guyyaan qabatamaan hidhamtoonni siyaasa kunniin itti gaadhifaman yoom akka ta’e hin beekamne
Gaazexxeessaa Iskindiir Naggaa yeroo saddeetti kan hidhame yoo ta’u, adabbiin hidhaa waggaa 18tti itti murteeffamee mana hidhaa waayyaannee keessatti dararama jira.
Itti-aanaa hogganaan Paartii Andinaat kan turan obbo Andu’aalem Arraagee filannoo biyaaleessaa bara 1997 koree giddugaleessa Qindomiinaa gara mana hidhaatti darbataman keessatti argamu.
Waggoota lamaaf hidhamee erga gadhiifame booda fulbaana 3 bara 2004 yakka shororkeessummaan himatamee hidhaan Umirii guutuu itti murteeffamuun ni yaadatama