Fedhiin Ummata Itoophiyaa mootummaa Abbaa Irree tokkoorra gara mootummaa Abbaa Irree biraatti ce’uu akka hin taane Hogganaan Arbanyooch Ginboot sabbaat Porofesaar Birhaanuu Naggaa himan

Hogganaan Arbanyooch Ginboot Sabbaat Porofesaar Birhaanuu Naggaa erga dabarsaniin mootummaan waayyaannee arara biyyaaleessaaf fedhii akka hin qabne labsii yeroo hatattaama labsuun mul’iseera jedhan
Labsiin yeroo hatattamaa mootummaa waayyaannee labse fudhatama kan hin qabneefi akka tarkaaniiffii mootummaa humnaan foqolchuutti ilaalamu akka qabu himan
Fedhiin Ummata Itoophiyaa mootummaa abbaa irree tokkoorra gara kan biraatti ce’uu akka hin taane Professaar Birhaanuun beeksisan
Kanaafuu ummanni Itoophiyaa humna qabu hundaatti fayyadamun labsii yeroo hatattamaa labsame faashaleessuu akka qabu porofesaar Birhaanuun gaafataniiru
Mootummaan abbaa irree waayyaannee yeroo amma burjajaa’ee bittina’aa akka jiru mallattoon mul’isan jiru jedhan
Ministiirri muummee Hayilamariyaam Dassalaany aangoo gadhiisuu gaaffii dhiyeeffachuun partiilee miseensoota addichaa gidduutti humnoon fedhiin jijjiirama qaban uumamuun akka mul’isu dubbataniiru
kunis bu’aa qabsoo ummata Itoophiyaa ta’uusa porofessaar Birhaanuun himan
Adeemsi jijjiiramaa kun humnoota lammiilee hidhaanii dararaa fi ajjeessaa turan harka akka hin galleef of-eeggannoo gochun murteessaa ta’u beeksisan
Qabsoon Jijjiiramaa fedhii ummata Itoophiyaa argachuun mootummaan ce’uumsa akka hunda’uuf ta’u qaba jedhan
Tarsiimoon qabsoo isaanii diddaa ummataa akka ta’e porofesaar Birhaanuu Naggaa himaniiru
Qabsoo diddaa ummaata kanan jirattoonni magaala finfinnee qaalaa’iinsa gatii oomishaaleen rakkachaa jiran callisuu dhiisuun gara qabsootti akka makaman Porofesaar Birhaanuun gaafatan
Miseensoonni Raayyaa Ittisa biyyaa, Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa fi Ummanni Tigraay bulchiinsi waayyaannee kuufatiirra gahaa waan jiruuf qabsoo ummataatti akka makaman gaafataniiru