Dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo fi hayyuun Siyaasa doktor Maraaraa Guddinaa

mana hidhaa waayyaanneetti erga ghadhiifamanii booda deeggartoota fi jaalattoota isaanii baa’yee keessumeessaa jiru.
Akkasumas Itoophiyaatti Ambassaddarri Jarman Vaaginaar Imbaasii biyyaatti finfinnee jirutti Dr Maraaraa simachuun wajjiin mari’ataniiru.
Ambasaddaar Vaaginaar fi Dr Maraaraa Guddinaa haala siyaasa yeroo Itoophiyaa ilaalchisun marii bu’a qabeessa akka mari’atan himameera
Dr Maraaraa Guddinaa mana hidhaatti gadhiifamuun biyya isaanii Jarmaan kan boqachiise ta’uu Ambasaddaar Vaaginaar marii kanarratti dubbataniiru
Dr Maraaraan Itoophiyaa keessatti dimokirasiin akka dagaaguuf kutannoo karaa nagaan qabsa’uuf qaban Jarman ni galateeffatti jedhan Amabasaddar Vaaginaar.
Dr Maraaraan gamasantiin, dhimma isaanii ilaalchisuun deeggarsa Jarmaan gumaacha turteef Amasaddaar Vaaginaar galateeffataniiru.
Rakkoon siyaasa Itoophiyaa furmaata akka argatuuf Jarmaan yaalii gochaa jirtu cimstee akka itti fuftu Dr Maraaraan gaafataniiru