Dr Maraaraa Guddinaa hatattaamaan akka hidhaa gadi dhifamanii Paartiin MEDREK gaafateera.

Sababni Dr Maraaraa Guddinaa ittiin hidhaman fudhatama waan hin qabneef hatattaamaan mana hidhaatti gadi dhiifamuu akka qaban paartiin MEDREK ibsa bareeffaaman guyyaa Kamisaa baaseen gaafateera.
Hidhamuun Dr Maraaraa walii galtee Mootummaa wajjiin irra gahan kan diiguu akka ta’ee paartich beeksiiseera. Kana malees hidhamuun isaanii nageenyaa fi tasgabbii biyyaatti balaaf saaxiluu akka danda’u yaaddoo qabu MEDREK ibsa bareeffaaman baasee beekseera.
Paaretich ibsa baaseen Dr Maraaraan labsii yeroo hatattaamaa darbuun hoggantoota garee shororkeessoota wajjiin wal arganii mari’ataniiru jechuun hidhuun sababa fudhatama hin qabne jedheera.
Dr Maraaraan waamicha gamtaa Awurrooppaattiin paartii isaanii bakka bu’uun hojii dippilomaasii hojjachuuf garas akka deemaniis paartich yaadachiseera. Marii kana irratti haala yeroo Itoophiyaa ilaalchisuun ibsi kennaan akka yakkaatti fudhatamee, garee shororkeessaa wajjiin wal arguun labsii yeroo hatattaama darbaan jechuun sababa fudhatama hin qabneen akka hidhaman MEDREK ibsaa baaseen beeksiisera.
Labsiin yeroo hatattaama labsame hoggaanan paartii seeraan hunda’ee kamuu haala yeroo biyyaatti irraatti ibsa akka hin kenniinee hin dhorku jedha ibsi MEDREK. Hiikkaa kanan alaa yoo jiraate beekuuf yeroo lama xalayaa wajjiira komand poostiidhaaf barreessee deebii akka hin argannees beeksiisera .
Dr Maraaraa Guddinaa Garee shororkeesoota wajjiin wal argan yaada jedhuuf waltajjii addunyaa akkasii guddaan tokko hafee waamicha sanbatee irrattuu abbaa waametuu teessoo namaaf kenna malee keessummaan afeerame teessuma filatee hin ta’u jechuun MEDREK beeksiiseera.
Akkaata waliigaltee ADWUI wajjiin irra gahaniin, dhaabaa shororkeessummaan ramadame wajjiin walitti dhufeenya qaabachuu jechuun, waliigaltee walii mallatteessanii wajjiin hojjachuuf murannoo dhaabaa qaabachuudha jedheera.
Kanaafuu Hidhamuun Dr Maraaraa Guddinaa Seeraa labsii yeroo hatattamaa fi walgaltee gamtaan paartii biyyaa bulchuu wajjiin irra gahaan kan diiguu akka ta’e paartiin MEDREK beeksiiseera.
Dr Maraaraan Hogganaa Paartii Miseensa MEDREK kan ta’ee Kongraasii Federaalistii Oromaa waan ta’aniif jecha seeraan alaa hidhamuun miseensoota fi deggartoota isaanii miiliyoonnatti lakkawaman yaaddeessaa akka jiru paartich beeksiiseera .
Mootummaan Paartiilee mormitoota wajjiin mar’achuuf waada galee dafee haaromsee mariin akka jalqabamuus paartich gaafateera.
Gaaffii fi komii ummaanni biyyaatti miiliyoonaatti lakkawamu gara waltajjiitti bahee gaafateef furmaata bu’uura kennuuf waltajjii mariif mootummaan haala mijaata akka uumuu maqaa ummataa biyyaatti hundaan waamichaa seena -qabeessa dhiyeessuussa MEDREK ibsa barreeffaamn baaseen beeksiiseera.