Dhoohinsa Maancheestariitti raawwatameen namoonni 22 lubbuusaanii akka dhaban gabaafaneera.

Ingilaand Maancheestaritti balaan Shororkeessummaa wixataa galgala raawwatamee namoonni 22 lubbuusaanii dhabaniiru .
Balaa shororkeesuummaa kanan namoonnoi 59 immoo akka madaa’aan Pooliisiin magaalaatti beeksiseera.
Balaa Sukkaneessan kun kan qaqqabee weellistuun Ameerikaa Ariyaanaa Graandee agarsiisaa Sirbaa ishee erga dhiyeessitee booda akka ta’e ”BBC’ gabaaseera.
Balaa Shororkeessumaa lubbuu namoota nagaa 22 gaalafate kana dargageessi waggaa 22 Salmaan Abedi akka raawwate shakkuusaa Pooliisiin Maancheestar himeera.
Maatiin ijoollee, firootaa fi hiriyoota isaanii agarsiisa sirbaa irratti hirmaatanii balaa kana booda asi buuteen isaanii dhabame barbaada akka turan ‘BBC n gabaasera.
Namoonni miidhaman waldhanama kan jiran yoo ta’u, ministirri muummee Tereesaa Meey balaan kun namoota baay’ee bakka tokkotti ajjeessuuf itti yaadame kan karoorfame jedhaniiru.
Balaa Sukkaneessa lammiilee nagaa irratti raawwatame kana Pirizedaantii Amerikaa Donaald Traamp dabalate hoggatoonni biyyoota addunyaa baay’ee balaleeffataniiru.