Dhalattoonni Walqaayiit 30 ol naannoo Umaraati qabamanii gara Maqalee fudhatam saa’aatii 24 harkii isaanii hidhamee dararamaa akka jiran himame.

Dhalttoonni Walaqayiit naannoo Umaraatii qabamanii gara Maqalee fudhataman waxabajjii 17 bara 2009 jalqabe saa’aatii 24f harki isaanii shiboon hidhamee olaanii akka bulan Hogganaan Paartii Areenaa Tigraay Obboo Abrahaa Dastaa beeksisaniiru
Hidhamtoota kanniiniirra shiboon kan hiikamu torbaniitti yeroo tokko qofa akka ta’e obboo Abrahaa toora miidiyaa haawasummaa isaanii irratti ibsaniiru.
Mana hidhacha keessatti dhalattoota walqaayiit qofa adda baasuun harki isaanii akka hidhame himaniiru
Hidhamtoota walqaayiit keessa jaha bakka hin beekamneetti kan fudhataman waan ta’eef ajjeeffamu hin oolan shakkiin jedhu akka jiru obboo Abrahaan beeksisaniiru
Gama biratin immo mana hidhaa lafa jala keessatti hidhamu maluu oduun jedhu akka jirus himaniiru
Dhaltoonni walqaayiit harki isaanii hidhame ilaalacha siyaasanqabamanii kan hidhaman qofa osoo hin taane,yakka idilee fi hannatiin qabamanii kan hidhamaniis akka dabalatu obboo Abrahaan beeksisaniiru
Miseensoonni Koreen eenyummaan ummata Walqaayiit Amaaraadha jedhu fi Koloneel Damaqaa Zawuduun hogganamu humnaan erga ittisamee booda miseensoonni baay’een kan hidhaman yoo ta’u namoonni baay’een ajjeeffamaniiru.
Hogganaan Koree Eenyummaa ummata walqaayiit Koloneel Damaqaa Zawuduu Gondoor fi Finfinneetti kan himataman yoo ta’u, yeroo amma mana hidhaa Gondoor keessatti argamu.
Dhalattoonni Walqaayiit Waayyaannee angoo osoo hin qabatiniin duraa fi booda waggoota 40f yakkii Sanyii duguugaa rratti raawwatamaa akka ture ni beekama.