Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa Liqii dolaara Biiliyoona 4 fi Miiliyoona 6 Itoophiyaaf eyyame.

Mootummaan Itoophiyaa Wayyaaneen hogganamu maallaqni liqiin waggaa tokko keessatti argattu kan mootummaan dargii waggoota 17 keessatti argate akka caalu ragaaleen ni mul’isu.

Baankii Addunyaa jala kan jiru dhaabbanni Misooma Addunyaa Itoophiyaadhaaf bara warra faranjootaa dhufu maallaqa dolaara biiliyoona 4 fi miiliyoona 6 yookaan immoo birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 7 fi miliyoona dhibba Afurii ol ramadeera.

Maallaqni kun hojiilee misoomaa dhiyeessii bishaan dhugaatii Qulqulluu, Eegumsa Qulqullina naannoo fi dhuunfaa , barnoota, damee daldalaa , Loojistiksii fi kalaqa hojii uumuu dubartootaa cimsuuf gargaara jedhameera.

Baankii Addunyaa jala kan jiru Waldaan Misooma Addunyaa biyyoota harka qalleeyyii 77 kan deggeru yoo ta’u biyyoota hiyyummaa keessa jiru ittiin jedhe Itoophiyaa dabalatee 39 ardii Afriikaa keessatti argamu.

Bifuma walfakkaatuun dhaabbatichi waggoota lamaan dura maallaqa liqii dolaara biiliyoona tokkoo fi miiliyoona 8 mootummaa Itoophiyaaf kenneera.

Bara warra faranjootaa 2017 xumuramaa jiru kanatti Maallaqni liqii dhaabbanni Misooma Addunyaa Itoophiyaaf kenne dolaara biiliyoona 3 fi miiliyoona 8 gaheera.

Maallaqa liqii dhaabbatichi bara 2018 Itoophiyaaf kennuuf waadaa gale doolaara biiliyoona 4 fi miiliyoona 6 osoo hin dabalatin maallaqni hanga ammaa liqiin biyyattiif kenne dolaara biiliyoona 7 fi miiliyoona 8 gaheera .

Maallaqa dhaabbilee Arjoomtota biroo irraa argamu osoo hin dabalatin maallaqni liqiin dhaabbata misooma Addunyaa irraa argame qofti hidha haromsaa lama xumursisuun kan biraaf ooluu akka danda’u himameera.

Waggoota 26 darban Walta’iinsaa fi misooma Diinagdee Addunyaa qofarraa gargaarsi maallaqaa argame dolaara biiliyoona 50 gaheera.

Maallaqni mootummaan Itoophiyaa yeroo walfakkaataa keessa dhaabbilee maallaqa adda addaa irraa liqiin argate dolaara biiliyoona 30 ol akka ta’e mootummaan himeera.

Maallaqa liqiin dhaabbilee misooma mootummaaf kenname osoo hin dabalatin idaan biyyattii irra jiru dolaara biiliyoona 23 ol akka ta’e Ministeerri Maallaqaa fi Misooma Diinagdee torbee darbe beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa maallaqa hedduu gargaarsaa fi liqiin dhaabbilee adda addaa irra argatus jiruu fi jireenya lammiilee biyyattii jijjiiruu hin dandeenye.

Waggoota 26n darban lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaawaman sababa hongee wajjin walqabatuun gargaarsa midhaan nyaataa eeggachuuf dirqamaniiru.