Deeggartoonni Kilaboota Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Waliin Mootummaa Waayyaannee balaalefataniiru

Deggartoonni Kilaabii Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Stadiyaamii Bahaar-Daariitti waliin ta’uun Mootummaa Waayyaannee balaalefataniiru.
Kilaboonni Bulchiinsa Magaalaa Bahaar-Daar fi Lagaxaafoo akkasumas Konistirakishinii Ijaarsa Hojiiwwaan Bishaanii Naannoo Amaaraa fi Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa wajjiin yoo taphatan deeggartoonni kilaboota miira jalalaan wajjiin sirbaa turan
Waldorgomii kanan Bulchiinsi Magaalaa Bahaar-Daar fi Lagaxaafoo goolii malee zeeroodhan wayita adda bahananiiru.
Bulchiinsi magaalaa Sulultaa immo Kilabii Konistrakishinii Ijaarsa Hojiiwwaan Bishaanii Naannoo Amaaraa 1 fi zeeroon injifateera.
Tapha Kilaboota naannoolee lamaan Magaalaa Bahaar-Daar Stadiyaamii Atsee Tedroosiitti dorgomame kana irratti deeggartoonni miira tokkoon bulchiinsa mootummaa waayyaannee balaalefataniiru
Deeggartoonni Asxaa Mallattoo kilabii isaanii fi alabaa urjii hin qabne qabachuun sirba ummanni Oromoo fi Amaaraa tokko ta’uu mul’isu sirbaa turaniiru
Deeggartoonni Kilaboota naannoo Oromiyaa fi Amaaraa tokkummaan wayita wajjiin sirbaan Pooliisoota Federaalaan marfamanii kan turan malee miidhaan irra gahe hin jiru
Mormiin Ummata Gondor wayita jalqabame ture dhiigni Oromoo dhiigaa keenya jechun dargaggoonni magaalaa Gondor fi Bahaar-Daar hirira bahuun isaanii ni yaadatama