Daqiiqaa tokko keessatti namoonni 20 akka baqataa ta’an Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii Beeksise.

Waggoota 20n darbaan keessa lakkofsi namoota biyyaaf jireenya isaanii irraa buqqa’aani dachaan akka dabale Dhaabbanni Koolu Galtoota Addunyaa beeksiseera.
Lakkofsi namoota humnaan buqqa’an akka lakkofsa warra faranjootaa bara 1997 miiliyoona 33.9 ture bara 2016tti gara miiliyoona 65,6 tti akka ol guddate dhaabbatichi himeera.
Waggoota kudhaniin duraa namoota 160 keessa namni tokko humnaan kan buqqa’u yoo ta’u, amma garuu namoota 113 keessa namni tokko humnaan akka buqqa’u Dhaabbanni Koolu galtoota mootummoota Gamtomaanii beeksiseera.
Haluma kanaan, daqiiqaa tokko keessatti namoonni 20 gara biyyoota adda addaatti akka baqatan himameera.
Bara 2016 namoota gara biyyoota adda addaa baqatan keessa dhibbentaan 51 daa’immaan akka ta’an gabaasni dhaabbatichaa ni mul’isa.
Daa’immmaan irra caalaa lammiilee Siiriyaa yookan Afgaanstaan kuma 75 gaaffii koolu galtummaa gaafataniiru.
Daa’immaan kunniin qophaa yookan maatii isaaniirra adda bahuun kan imalan jedhameera.
Lakkofsi namoota baqatanii akka dabaluuf lolli wal wajjiinii Siiriyaa, Yaman, Sudaan Kibbaa fi Koongootti tasgabbiin dhabamuun akka gumaache Dhaabbanni Koolu Galtoota Mootummoota Gamtomaanii beeksiseera.