Daangaa Naannoo Oromiyaa fi sumaalee irratti walitti bu’iinsa uumameen lubbuu namaa fi qabeenya irra miidhaan akka gahee himameera.

Gandoota daangaa naannoolee lamaanii irratti dhimmaa abbummaa lafaa fi dhimmoota biroo waliin wal-qabatee walitti bu’insi yeroo adda addaatti umaamuun lubbuun namaa darbaa akka jiru dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii beeksiiseera.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa daangaa irra walitti bu’insii jiraachuusaa malee walitti bu’insa kanaan namni meeqa akka ajjeeffame hin beeksifne.

Walitti bu’insi aanaalee daangaa naannoolee lamanii gidduu jiru baay’ee kan nama yaaddessu akka ta’e hogganaan Biiroo dhimmoota Kominikeeshiinii Oromiyaa miidiyaalee biyya keessatti himaniiru.

Miidhaa lubbuu namaa fi qabeenya irra gahe ilaalchisee hoogganaan kun ragaa dabalataa kennuu irraa of qusataniiru. Rakkoo kana furuuf hoggantoonni naannoolee lamaanii mari’achaa jiru jedhan.

Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii balaa hongee Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun tibbana gabaasa baasen naannoo Sumaalee, Affaar, Oromiyaa fi ummattoota kibbaatti balaa hoongee fi walitti bu’iinsa daangaa naannolee irra jiruun yoo xiqqaate namoonni kuma 23 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gargaarsi midhaan nyaata akka isaan barbaachhisuu beeksiiseera.
Dhaabbatichi sababa walitti bu’insa daangaa naannolee irra jiru maal akka ta’ee odeeffaannoo dabalataa hin kennine. Namoo
sababa walitti bu’insa kanaan qa’ee isaaniirraa buqqa’aniif gargaarsi hatattaamaa akka isaan barbaachiisu beeksiiseera.

Jiraattonni Aanaalee naannoo Oromiyaa gamasaanitiin liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee gandoota Godinaalee Boranaa , Gujii, Harargee Lamaan fi Baalee weeraruun namoota ajjeessuu, kan lubbuun hafan immo gara naannoo isaanii geessaanii hidhuu fi qaabeenya saamuu irratti akka boba’an himaniiru.

Waraanni naannoo Sumaalee “liyyuu Poolis” jedhamu gandoota Godina Booraaaa fi Gujii weeraruun nama shan wayita ajjeessu 10 immoo akka maadeesse jiraatoonni naannichaa Sagaalee Raadiyoo Ameerikaa Sagantaa Afaan Oromootti himaniiru.

Godina Gujiitti Bulchaan Aanaa Gumii Eldalloo Raadiyoo sagalee Ameerikaa kutaa afaan Oromootti akka himaniitti , Poolisiin Liyyuu naannoo Sumaalee gara daangaa naannoo Oromiyaa seenaanii namoota shan ajjeessaniiru.
Yeroo ammaas humni raayyaa ittisa biyyaa gidduu akka seene himaniiru.