Daa’immaan Itoophiyaa sababa Guddiffannaan gara Biyyoota Alaa Fudhataman Kumni Torba sadarkaan irra jiraan akka hin beekamne Ministeerri Dhimma Daa’immaanii fi Dubartoota beeksise

Itoophiyaatti namoonni karaa seeraan alaa namoota daddabarsanii fi kan biroo maatii gowwomsuun daa’immaan karaa seeraan alaan gara biyyoota alaatti ergaa akka turan Minstirri dhimma Daa’immaan fi dubartootaa Aadee Damituu Hambisaa himan
Maatiiwwaan namoota seeraan alaa gowwomfamanii daa’immaan isaanii gara biyyoota alaatti ergan asi buutee isaanii waan dhabaniif ministeerichi daa’immaan isaanii wajjiin akka walitti fidu gaafacha jiru jedhan
Maatiin daa’immaan isaanii namoota giddiffataniif wayita kennan ragaa gahaa fi teessoo waan hin fudhaneef bakka daa’immaan jiraan beekuuf akka rakkise aadee Damituun himaniiru
Yaa ta’u malee,Ministeerri Dhimma Alaa fi qamoolee biroo dhimmichi ilaalatu wajjiin furmaata barbaada akka jiran beeksisan
Biyyoonni daa’imman itti argaman jedhame yaadamu Speen, Xaaliyaanii fi Amerikaa waan ta’aaniif Amabasdaroota Itoophiyaa biyyoota kanniin keessa jiran wajjiin furmaata barbaaduuf mari’achaa jira jedhan
Minsteerri Dhimma Daa’immaanii fi Dubartoota aadaan Guddiiffannaa biyyaa keessa akka cimuuf haala mijeessaa akka jiru dubbataniiru
Manni marii bakka bu’oota Ummataa dhiyeenya keessa seera guddiffann biyyaa alaa dhoorku raggasuun kan yaadatamudha
Seerii kun dararamu daa’immaan Itoophiyaa maqaa guddiffannaa gara biyyoota alaatti fudhatamanii irra gahu hambisuuf yaadame akka ta’e himameera
Daa’immaan Itoophiyaa maqaa guddiffannaan gara biyyoota alaa fudhataman baay’een asi buuteen isaanii akka hin beekamne ragaaleen mul’isaniiru
Akka lakkofsa warra faranjoota bara 1999 asi qofa daa’immaan Itoophiyaa kumni 15 bifa guddiffannaan gara Amerikaa akka fudhataman ragaaleen mul’isaniiru