Bulchiinsa magaala Adaamaatti tarkaniiffi ijaarsa manneen seeraan alaa diiguuf fudhatame wajjiin walqabatee mormii guddaan akka ture gaabafameera Ji’oota laman dura tarkaniiffi walfakkataa fudhatameen lubbuun namaa akka darbe gabaasuun keenya ni yaadatama Lammiileen mana jireenyaa hin qabne lafa bitachun mana wayita ijaaratanii tajaajila bu’uuralee misoomaa adda addaa wayita argatan qaamni bulchiinsa magaalaatti dhaabaa jedhen akka hin jirre jirattoonni himaniiru Bulchiinsi magaalaatti ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Jiraattoonni Amboo Gootota isaanii Dr. Mararaa Guddinaatii fi kan biroo manneen hidhaa waayyaannee keessa gadhiifaman haala nama gammachiisun simatan
Jirattoonni Godina Shawaa Lixaa gootota isaanii Dura taa’aa Kongirasi federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa fi kan biroo manneen hidhaa waayyaannee keessa gadhiifaman sambaata darbe haala nama boonsun simataniiru. Simannaan gootota kanniin magaala Giincii jalqabee hanga bakka dhaloota Dr Maraaraa Guddinaa Aanaa Tokke- Kuttayyeetti akka itti fufe himameera. Jirattoonni magaala Amboo fi naannoowashee Umirii fi saalaan osoo adda hin baane fardaa ...
Read More »Wixineen Seeraa “HR 128” Mana Marii Bakka Bu’oota Amerikaan qopha’ee Mana Mariittii dhiyaate sagaaleen akka itti kennamu beekame
Kawuunsiilaan Siivil Itoophiyaa fi Amerikaa bakka bu’oota kutaalee haawasa biroo akkasmas Koomishiinii Mirgaa Namoomaa dhaabbata mootummoota gamtomaanii wajjiin akkataa Wixineen seeraa “HR 128” jedhamu seeraa ta’ee ragga’uu irratti mari’ataniiru Waltajjiin marii kun gaaffii hogganaan miseenoota mana marii bakka bu’oota Amerikaa paartii rippabilikanoota Keevaan Maakaartii dhalattoota Itoophiyaa wajjiin dhimmicharratti mari’achuuf dhiyeessaniin akka ta’e himameera Misiinsoonni Paartii Rippabalikanoota mana marii bakka bu’oota ...
Read More »Gareen Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaala Waldiyaa Bittinaa’eera
Mormiin Ummata Walloo Kaabaa cimee itti fufuun lubbu namoota heddu gaalafachuun qabeenya baay’een akka barbada’uuf sababa ta’eera. Daandiin Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay giddugala biyyaatti shaqaxoota fi Oomishaalee biroo gara Tigraay ittin geejjebsiisu mormii ummataa cuufameera Jirattoonni magaala Waldiyaa gita bittaa waayyaannee mormuun godina Walloo Kaabaatti qabsoo jalqaban itti fufun guyyoota sadiif ugguraa mana ooluu jalqabaniiru Magaala Waldiyaa keessa loltoonni ...
Read More »Lakkofsi namoota Sababa Walitti Bu’iinsa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleetiin qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’anii Miiliyoona tokko akka dhiyaatu himame.
Lakkofsi namoota sababa waliitti bu’iinsa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aanii miiliyoona tokkootti dhiyaachuu gabaasni dhaabbilee idila addunyaa mul’isaniiru. Akka gaabaasa dhaabbiilee kanniitti, lammiileen shira jeneraloonni waayyaannee xaxaniin qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aan buufatalee dhibba afur keessa qubataniiru Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii Oochaa jedhamu qorannoo komishiinii Ittisa Balaa biyyaaleessa wajjiin gaggeesseen lakkofsi namoota qe’ee fi qabeenya ...
Read More »Keeniyaatti Hogganaan Paartii Mormitoot Raayilaa Odiigaa “Pirezedaantii Ummataa” Ofiin jechun sirna Kakuu Raawwatan.
Filannoonno Pirezeantummaa keeniyaa bara darbee taate adda addaa keessummeessuun itti fufeera . Bu’aa filannoo jalqaban Pirezedantiin biyyaatti Uhuuruu Keenyaattaa sagalee caalmaan akka injifatan himamee ture. Yaa ta’u malee, hogganaan paartii mormitoota Raayilaa Odingaa bu’aa filannicha mormuun mana murtiitti iyyaachun bu’aan filanicha haqameera Manni murtich adeemsi filanicha rakkoo akka qabu mirkaneessuun filannoo Pirezedantummaa irra deebiin akka filatamu murteessuun deeggartoota Raayila Odinigaa ...
Read More »Godina Kaabaa Walloo Magaalaa Qobbootti loltoonni Agaazii namoota nagaa ajjeessaniiru
Ajjeechaa gara jabeenya lammiilee nagaa magaala waldiyaa irratti loltoonni agaazii raawwatanii booda magaaloonni Godina Walloo Kaabaa tasgabbii dhabaniiru. Jirattoonni magaala Qobboo fi naannoshee guyyoota darbaan loltoota waayyaannee agaazii wajjiin lola keessa akka turan himameera. Jirattoonni magaalaa Qobboo fi naannoshee miseensoota agaazii dhalattoota Tigraay qofti keessa jiran wajjiin meeshaa qabaniin hunda hidhachun walwaaranaa jiru. Loltoonni Agaazii humna dabalachun tarkaanniiffi fudhataniin namoonni ...
Read More »Dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo fi hayyuun Siyaasa doktor Maraaraa Guddinaa
mana hidhaa waayyaanneetti erga ghadhiifamanii booda deeggartoota fi jaalattoota isaanii baa’yee keessumeessaa jiru. Akkasumas Itoophiyaatti Ambassaddarri Jarman Vaaginaar Imbaasii biyyaatti finfinnee jirutti Dr Maraaraa simachuun wajjiin mari’ataniiru. Ambasaddaar Vaaginaar fi Dr Maraaraa Guddinaa haala siyaasa yeroo Itoophiyaa ilaalchisun marii bu’a qabeessa akka mari’atan himameera Dr Maraaraa Guddinaa mana hidhaatti gadhiifamuun biyya isaanii Jarmaan kan boqachiise ta’uu Ambasaddaar Vaaginaar marii kanarratti ...
Read More »Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Cufamuun Oomisha Albuuda Tantalamii komii kaaseera
Naannoo Oromiyaa godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti kan argamu Oomishni albuuda Tantalamii Qaanxichaa rakkoo naannoo fi jirattootarraan gaha jiru wajjiin walqabatee akka cufamu murta’eera. Tarkaniiffiin Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa Oomisha Albuuda tantalamii qaanxichaa cufuun fudhate kun mootummaa Federaalaa waan hin gammachisneef komii kaaseera. Oomisha albuuda tantalamii Qaanxichaarratti dargaggoonni naanniicha gurma’aanii oomishuun gabaaf dhiyeessuun akka fayyadamaniif yaadame ta’uu gaazexxaan Ripportaar jedhamu ...
Read More »Ajjeechaan Lammiilee nagaa magaala Waldiyaarratti raawwatame kampaanoota Waayyaannee gatii kaffalchiisu jalqabuun isaa gabasameera
Tarkaniiffiin gara jabeenya loltoonni agaazii jirattoota magaala Waldiyaa irratti fudhataniin lubbuun namoota torbaa akka darbe mootummaan naanniicha beeksise ture. Jirattoonni magaalaatti garuu lakkofsi namoota loltoota waayyaanneen ajjeeffamanii fi mada’aan kan mootummaan jedhu ol akka ta’e himaniiru Ajjeechaa lammiileen nagaa ayyaana kabajaa turan irratti raawwatame kampanoota waayyaannee gatii guddaa kaffalchiisu akka jalqabe ragaaleen mul’isaniiru Kampaaniin waayyaannee ‘Salaam Baas’ qabeenya ummata Itoophiyaan ...
Read More »