Caasaan Mootummaa naannoo Oromiyaa Gandaa fi Ummata Oromoo Naannoo Sumaaleetti akka gurgurate pirezedantiin naanniichaa Obboo Lammaa Magarsaa himan.

Caasaan Dhaabbata Dimokrataawa Ummataa Oromoo (Dh, D,U,O) gandaa fi Ummataa fayeeda dhuunfaa jechaa naannoo Sumaaleetti akka gurgurate Perizedaantiin naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa himaniiru.
Caasaan mootummaa naannoo Oromiyaa fi miseensi ‘OPDO’ gandaa naannoo Oromiyaa aanaa Cinaaksan keessatti aragamu mallatteessee naannoo Sumaleetti akka gurgurate obboo Lammaan dubbataniiru.
Akka obboo Lammaan dubbataniti Bulchaan Aanaa Cinaaksan galma abbaa Gadaatti isaan wajjiin ta’ee osoo mari’atu fayeeda adda addaa naannoo Sumaalee irra argatuun gandaa naannoo Oromiyaa Sumaaleetti gurgurachuun magaalaa Jigjigaatti mana ijarrate.
Walga’ii tibbaana magaala Adaamaatti ta’aame irratti, Qaamni kamuu hanqina hoggansaa naannoo Oromiyaa baadiyaa fi magaala jiru waan beekuuf maallaqa xiqqaa kennuu osoo hin taane laaqana gaarii biteef waan barbaade godha kan jedha obbo lammaan,
Hoggansi naanniichaa akka “warabeessi kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibe” jedhe jedhamu afeera laaqanaan lafa ummata Oromoo gurgurachaa akka jiru dubbataniiru

Hoggansi OPDO Godina addaa Naannowa Finfinnee jiruu fi Kantiboonni magaloota lafa ummata Oromoo hektaaraan wayita gurguratan bulchitoonni aanaa immoo gandoota ummata Oromoo Naannoo Sumaaleetti gurgurachaa jiru
Bulchaan Aanaa Cinaaksan gandaa fi ummata Oromoo naannoo sumaaleetti gurgurate jedhame irratti tarkaniiffiin seeraa fudhatame ilaalchise garuu obboo Lammaan waan dubbatan hin jiru.
Namichi gandaa fi ummata Oromoo gurgurate garuu aangoo dabalataa kennameef hogganaa wajjiira Godina Harargee Bahaa tokkoo ta’uun akka ramadame maddeen oduu gabaasaniiru.
Yeroo ammaas wajjiiricha hogganaa odeeffannoo haala gandoota daangaa irra jiran fi marii qondaltoonni Oromiyaa mari’atan hunda bulchiinsa naannoo Sumaaleef dabarsee kenna akka jiru himameera.
Gandoota Oromiyaa naannoo Sumaaleef kennama jiran akkaata rifirandamiin fi kan sagaleen ummataa itti hin kennamne immoo haala qabatamaa ilaallun akka murteessan obboo Lammaan dubbataniiru.
Haalli qabatamaan isaan jedhan garuu fedhii jirattoota giddugala gochuun osoo hin taane fayeeda fi fedhii naannoo Sumaalee kabachiisu qofa akka ta’e jirattoonni himaniiru.
Jirattoonni daangaa irra jiraatan Afaan oromoo fi Afaan Sumaalee akka dubbatan jirattoonni himaniiru.
Yaa ta’e malee, caasaan Oromiyaa sadarkaa adda adda jiru fedhii fi gaaffii ummataa oromoo gandoota kanniin dhaggeeffachuun furmaata kennu osoo hin taane kan bulchiinsi Sumaalee jedhu dhaggeeffatu jedhameera.
Miseensi OPDO fi hoggansi aanaa Gursum gandoota kanniin mallatteessee hin kennu jedhe tokko liyyuu pooliisii naannoo sumaaleen harkii fi miilliisaa walitti hidhamee dararamaa akka jiru jirattoonni himaniiru.