Burundiin Loltoota ishee nagaa akka kabachiisaniif gara Sumaliiyaatti ergite ji’a dhufu jalqabdee akka baastuu beeksiisite

Burundii humna nagaa kabachiisa Gamtaa Afriikaa jalatti loltoota ishee 5,432 gara Sumaliiyaatti ergite waggaa tokko guutuu mindaan waan isaaniif hin kaffalamneef ji’a dhufu baasuuf murteessuu ishee beeksifte
Loltoota Gamtaa Afriikaa naga kabachiisuuf gara Sumaliiyaatti ergaman keessa looltoota baay’ee gumaachuun Burundiin adda dureedha. Biyyaattiin Loltoota ishee gara Sumaliiyaatti geejjibsiisuuf baasii baay’ee akka baastee pirizedaantiin biyyaatti Piyaar Nikurunziizaa beeksiisaniiru.
Gamtaa Afriikaa wajjiin fayeedaa adda adda loltootaf kennamu irratti waliigaltee irra gahamuus Gamataan Afriikaa waada galee kabajuu dhabuun kan nama gaddisiisuu pirizedantii Piyaar Nikurinziizaa himaniiru.
Loltoota isaanii ergama naga kabchiistuu gamtaa Afriikaa jalatti Sumaliiyaatti naga akka kabachisaniif ergamaniif gamataan Afriikaa mindaa kaffaluu hin dandeenye jechuun komataniiru
Gamtaan Afriikaan loltoota Burundiitiif hanga ji’a dhufuutti kaffaltii hanga amma osoo hin kaffalee kuufame kaffaluu kan hin jalqabne yoo ta’e, loltoota isaanii gara biyyaatti akka deebisan himaniiru
Gamtaan Afriikaa gaaffii Burundii kanaaf deebii kan hin kennine. Gamtaan awurrooppaa Sumaliiyaatti ergama nagaa kabachiistuu Gamtaa Afriikaa gargaarsa maallaqaa irraa dhaabee ture akka gadi dhiisee beeksiiseera.
Keeniyaan Loltoota ishee Sumaaliyaatti nagaa akka kabachisaniif ergitee turtee akka baastuu beeksiisuun ishee ni yaadatama. Hanqina Faayinansii keessa kan jiru sumaliiyaatti ergamni gamataa Afriikaa kun haleellaa Al-Sheebaab damdamachuu dadhabaa jira jedhameera
Ji’oota Muraasaan dura Itoophiyaan loltoota ishee dhunfaa gara Sumaliiyaatti ergitee turte baasuun ishee ni yaadatama. Loltoonni Itoophiyaa bakkeewwaan to’aannoo isaanii jala turan gadi dhiisaanii wayita bahan loltoonni garee riphe-looltoota Al-sheebaab deebisanii to’aacchu isaan miidiyaaleen addunyaa gabaasaniiru.