Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraatti qonnaan Bultoonni sababa ijaarsa Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balasiin lafa isaaniirra buqqa’aan lafti biraa akka hin kennamneef himame.

Naannoo Amaaraattti Qonnaan Bultoonni 213 Sababa ijaarsa Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balasiin lafa isaanirra buqqa’aan keessa qonnaan bultoota 11 qofaf lafti jijjiiradhan akka kennameef miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Koorpereshiniin Shukkaraa Itoophiyaa gamasatiin, qonnaan bultoota sababa ijaarsa warshaa kanan lafa isaan irra buqqa’aan beenyaan kennamuuf qabu hundaaf kaffaluu isaa beeksiseera.
Koorpereshiniich qonnaan bultootaaf beenyaa akka kenne himus qonnaan bultoonni 36 beenyaan hin argane jechuun Dhaabbata Abbagaaritti komii dhiyeeffataniiru.
Dhaabbata Abbagaar Itoophiyaatti bakka bu’aan damee Naannoo Amaaraa obboo Habtaamuu Taaddasaa qonnaan bultoonni 213 lafa jijjiira argachu akka qaban dubbataniiru.
Yaa ta’u malee, hanga ammatti qonnaan bultoota 11 qofaf beenyaan akka kaffalameef himaniiru
Biiroon Bulchiinsa fi Itti Fayyadama lafa Baadiyaa naanniicha gamasatiin, qonnaan bultoonni lafti jijjiira hin kennamneef waldaa xixxiqaa fi giddugaleessa keessatti gurma’aan carraa hojii akka argatan ni taasifamu jedheera.
Warshaan Shukkaraa Xaanaa Balaas hanqina Oomisha Shankooraa isa mudateen Shukkaraa oomishuu akka hin jalqabne mootummaan naanniicha dhiyeenya beeksisuun kan yaadatamudha.
Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balaas dabalatee Warshaaleen shukkaraa biroo shan ijaarsi isaanii hanqina Faayinansitiin waggoota baay’eef lafara harkifachaa jira.