Bulchiinsa Magaala Adaamaatti mormiin Ummataa akka ture himame

Bulchiinsa magaala Adaamaatti tarkaniiffi ijaarsa manneen seeraan alaa diiguuf fudhatame wajjiin walqabatee mormii guddaan akka ture gaabafameera
Ji’oota laman dura tarkaniiffi walfakkataa fudhatameen lubbuun namaa akka darbe gabaasuun keenya ni yaadatama
Lammiileen mana jireenyaa hin qabne lafa bitachun mana wayita ijaaratanii tajaajila bu’uuralee misoomaa adda addaa wayita argatan qaamni bulchiinsa magaalaatti dhaabaa jedhen akka hin jirre jirattoonni himaniiru
Bulchiinsi magaalaatti hanga mana jireenyaa ijaaratanii xummuranitti callisee ilaalun waggoota muraasan booda bakka mana itti ijaaratan fi mana yeroof keessa jiraatan jijjiiran osoo hin kennineef tarkaniiffi fudhachun sirrii miti jedhan
Jirattoonni manni isaanii jala diigamu akka hin qabne waan mormaniif loltoonni Agaazii gaazii imimmaan nama dhangalaasu dhukasaniiru.
Loltoonni Agaazii tarkaniiffii kana fudhataniis mormiin jirattoota cimee akka itti fufe beekameera
Daandiiwwaan magaalaatti dhagaa fi mukaan waan cufamaniif loltoonni dabalataa garaas ergaman hatattamaan gara naannoo mormiin itti jalqabamee akka hin imale ittiseera
Jirattoonni mana keenya osoo diigne dura nu ajjeessaa jechun pooliisii fulduraa dhaabbachuu isaanii namoonni argan himaniiru
Walitti bu’iinsa jirattoota manni jala diigamuu fi pooliisii guddu ture waan cimeef humni pooliisii dabalataa ramadamun tarkaniiffii fudhateen lammiileen baay’een miidhamu isaanii ragaaleen mul’isaniiru
Walitti bu’iinsa kanan jirattoonni baay’een miidhamuun gara hospitaalaa fudhatamaniiru
Mormii daandii guddaa magaala adaamaa qaxxamuree darbuu irratti taasifame wajjiin walqabatee manneen daldalaa baay’een akka cufamaniif sababa ta’eera
Daraggoonni lakkofsi isaanii yeroof hin beekamne dimishaashaan qabamanii gara bakka hin beekamneetti akka fudhataman ragaaleen mul’isaniiru